Author Archives: Central

Qabeenya Waayyaannee kan ta’e Kampaaniin Iffart warshaa ijaarsaa haaraa birrii biiliyoona lamatti dhiyaatuun hunddeessuuf kampanoota biyyoota lama wajjiin waliigaltee mallatteesseera.

Hoggantuun Kampaaniichaa fi haatii warraa duraanii Mallas Zeenawii // Azeeb Masfiin waliigaltee kana kampaanii biyyaa Siingapoori Kustoonaajedhamuu fi kan biyyaa Amerikaa Feerfaaksi jedhamu wajjiin mallatteessun ishee gabasameera. Warshaa ijaarsaa kun magaala Maqalee yookan naannowasheetti ijaaruuf hojiin lafa ijaarsaaf mijatu filachuu akka jalqabame himameera. Warshaan Simintoo Masoboo kampanoota biyyoota lamanii kana wajjiin qinda’uun gahee dhibbeentaa 60 akka qaabatu waliigalticharra hubachun danda’ameera ...

Read More »

Sirni Awwaalchaa Gaazexxeessaa Ibrahiim Shaafii Magaala Finfinneetti raawwatame

Gaazexxeessaa Ispoortii, Barsiisaa fi dhimmoota Siyaasa adda addaa irratti bareeffamoota bilchinaa qaban dhiyeessuun kan beekamu gaazexxeessaa Ibraahiim Shaafii Keeniyaatti baqatee jiraacha ture Dhimmaa Siyaasa Itoophiyaa ilaalchisee xinxalli bilchinaa qabu kennu fi mirgi namoomaa akka kabajamuuf hirmaannaa guddaa gocha turun isa hin beekama. Gaazexxeessa Ibrahiim Shaafii reebichaa fi darara guddaa hidhattoonni waayyaannee mana hidhaa Shawaa Roobiit keessatti irratti raawwataniin dhibeef akka ...

Read More »

Garagarummaan dippilomaasii Sudaan fi Ijipt gidduu jiru yeroo dhiyoo asi dabalaa akka dhufe ni himama.

Pirezedantiin Tarkii Reesiip Tayiib Erdogaan tibbaa darbe Sudaan daawwachuun isaanii garagarummaan biyyoota ollaa lamanii akka dabaluuf sababa ta’u hayyoonni siyaasa qeeqaniiru. Qamooleen nageenya Ijipt hidhattoonni Darfuur loltoota mootummaa wajjiin walwaaranaan deeggara jiru jechun Pirezedantin Sudaan Omar Hasaan Al-Bashiir kana dura himatanii ture Himaannaa Mootummaa Sudaan kana booda walitti dhufeeny dippilomaasii biyyoota laman yeroo gara yerootti laafaa dhufun garagarummaan isaanii immoo ...

Read More »

Dargaggoonni Mana Hidhaa Maa’ikalaawwiitti miidhaa guddaan irra gahee mana Murtiitti akka hin agarsifane dhoorkame

Dargaggoon Fidisaa Guutaa Godina Qellam Wallaggatti qabame mana hidhaa maa’ikalaawwiitti hidhame miidhaa sukkaneessaa mana hidha maa’ikalawwii keessatti isaraatti raawwatame uffata isaa baafatee mana murtichaatti argarsiisuuf gaafatus Abbootiin seeraa dhoorkaniiru. Akkasumas darara guddaa maqaa qoranoo jedhun isarratti raawwate afaaniin dhadachaatti himachuuf akka sumas//Tikoota Waayyaannee mana hidhaa keessatti gocha sukkaneessa irratti raawwatan maqaa waame himuuf gaaffiin dhiyeesse fudhatama dhabeera. Himataman tokko kana ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa Hidhamtoota Siyaasa hiiku fi Mana Hidhaa Maa’ikalaawwii Cufuf murteessusaa Ministirri muummee Hayilamariyaam Dassalaany Beeksisan

Hoggantoonni paartiilee miseensoota Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) Arfan walagahii Koree hojii raawwachistuu addicha erga xummurame booda yeroo jalqabaaf gaafa roobii ibsa kennaniiru Hoggantoonni ADWUI arfan ibsaa isaanii kanan, hidhamtoonni siyaasa mana murtiin addabbiin yakkaa itti murta’ee fi Abbaa Alangaa himataman dhimmi isaanii ilaalama jiru addaa citee mana hidhaatti akka gadhiifaman beekisisaniiru Waltajjii Dimokirasii bal’isuu fi walgaltee biyaa gaarii ...

Read More »

Afa yaa’iin Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa gara hojii isaanii duraatti deebi’aniiru.

Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa fayeedaan Ummataa fi dhaabaa koo waan tuqameef sadarkaa hojii amma irra jirum itti fufu hin danda’u jechun hojii Afa yaa’ummaa fedhiin gadhiisuuf akka murteessan beeksisanii ture Obbo Abbaa Duulaan fedhii isaanii aangoo Afa yaa’ummaa gadhiisuuf Dhaabbataa Dimokirasummaa Ummata Oromoo fi Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummatoota Itoophiyaatti xalayaa dhiyeefatanii fudhatama akka argate gabaasuun keenya ni yaadatama. Walgahii Koree ...

Read More »

Miseensa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Pirezedanntii Yunivarsiitii Finfinneef filachiisuf duulli jalqabame

Filannoo Pirezedantummaa Yunivarsiitii Finfinneef kadhimatoota 22 dhiyaatan keessa sagal gara marsaa itti aanutti akka darban himameera. Pirezedantiin Yunivarsiitii Finfinnee waldorgommiin akka filatamu himamuus, qondaltoonni waayyaannee Miseensi Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Profesaar Xaasaaw Waldahaannaa filachiisuuf duula jalqabaniiru Addi Bilisaa Baasaa ummata Tigraay waldorgommii pirezedantummaa Yunivarsiitii Finfinneef Profasaar Xaasaaw Waldahaannaa kadhimummaan dhiyyeessuun koree filachiistu irratti dhiibbaa gocha jiraachun himameera Dhaabbata Dimokirasummaa ...

Read More »

Amerikaan Dhimma Siyaasaa Biyyaa koo keessa harka galfate jechun Iraan Himate

Lammiileen Iraan rakkoo bulchiinsa gaarii, malanmaltummaa fi Qaala’iinsa gatii wajjiin walqabatee mormii erga jalqabanii olaanii bulaniiru. Mormiin ummataa guyyoota jahaa darbaniif gaggeeffameen hanga ammaatti namoonni 21 akka ajjeeffaman BBCn gabaaseera. Amerikaan dhimma siyaasa biyyaatti keessa harka galfachuun jeequmsa kakasaa jirti jechun Iraan himatee jirti. Mootummaan Amerikaa dhimma siyaasa biyyaatti keessaa harka akka baafatu Iraan xalayaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif barreessiteen gaafate ...

Read More »

Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Namoota 19 Adabbii Hidhaa Hanga Waggaa 16 fi Ji’a Jahaa Itti Murteesse

Mana Murtii Olaanoo Federaalaatti dhadachi yakkaa 4ffaa fi 19ffaan lammiilee namoota 19 adabbii hidhaa waggaa 3 fi ji’a 10 hanga waggaa 16 fi ji’a jaha gahu itti murteesse Lammiileen adabbiin hidhaa itti murteeffame Arbanyooch Ginboot Sabaatti wajjiin walitti dhufeenya qabu jedhamanii yakka shororkeessummaan kan himataman ta’u gabaafameera Mana murtichatti, dhadachi yakkaa 19ffaan himatamtoota 14 galmee Geetahuun Bayyaanaa jalatti himataman adabbii ...

Read More »

Barattoonni Yunivarsitoota Gara Barnootatti hin deebine jedhame

Walitti bu’iinsa yunivarsitoota keessatti uumame wajjiin walqabatee barattoonni gara maatii isaanii galan gara barnootatti akka deebi’an waamamaniis deebi’u akka hin dandeenye gabaasni mootummaa mul’iseera Akka gabaasa kanatti, rakkoon siyaasa dhaabbiilee barnoota olaanoo keessa jiru sadarkaa guddarra gaheera. Rakkoo kun furmaata kan hin argannee yoo ta’e balaa kana caalu qaqqabsiisuu akka malu gabaafameera Momii ummataa wajjiin walqabatee yunivarsitoota 19n walitti bu’iinsi ...

Read More »