Author Archives: Central

Deeggartoonni Kilaboota Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa Waliin Mootummaa Waayyaannee balaalefataniiru

Deggartoonni Kilaabii Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa Stadiyaamii Bahaar-Daariitti waliin ta’uun Mootummaa Waayyaannee balaalefataniiru. Kilaboonni Bulchiinsa Magaalaa Bahaar-Daar fi Lagaxaafoo akkasumas Konistirakishinii Ijaarsa Hojiiwwaan Bishaanii Naannoo Amaaraa fi Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa wajjiin yoo taphatan deeggartoonni kilaboota miira jalalaan wajjiin sirbaa turan Waldorgomii kanan Bulchiinsi Magaalaa Bahaar-Daar fi Lagaxaafoo goolii malee zeeroodhan wayita adda bahananiiru. Bulchiinsi magaalaa Sulultaa immo Kilabii Konistrakishinii Ijaarsa ...

Read More »

Manneen waliin jireenya sagantaa 40/60n Namoonni abbaa ciisicha tokkoo irratti galma’aan gochi faallaa heeraa mootummaa akka irratti raawwatame himan

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Manneen waliin jireenyaa sagantaa 40/60n ijaaraman 972 tibbaana carraa itti baaseeraa. Mootummaan Sagantaa manneen waliin jireenyatiif irra deebiin bara 2005 galmee jalqabee ture. Haaluma kana Sagantaa 40/60n abbaa ciisicha tokkof galma’aanii qusachaa kan turan ta’uus carraa Adoleessa 1 bara 2009 bahe keessa abbaan ciisicha tokkoo akka hin jire himameera. Carraa kana keessa manni abbaa ciisicha tokko hin ...

Read More »

Lammiilee Biyyoota Baha Afriikaa miiliyoona 27ti dhiyaataniif gargaarsiu midhaan nyaataa ni barbaachisa jedhame.

Balaa hongee cimaa biyyoota gaanfaa Afriikaa mudate wajjiin walqabatee namoota miiliyoona 27ti dhiyaataniif gargaarsi midhaan nyaataa akka barbaachisu Dhaabbanni Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtomaanii beeksiseera. Akka gabaasa dhaabbatichaatti ji’oota jahan darbaan qofa lakkofsi lammileen biyyoota gaanfaa Afriikaa gargaarsa midhaan nyaataaf qa’ee isaanii gadi dhisaanii baqatan dabalaa akka jiru dhaabbatich himeera. Balaa hongee, midhaan yeroon omishamuu dhabuu, walitti bu’iinsa, nageenyi amansiisaan dhabuu ...

Read More »

Naannnoo Gambeellaatti Ogeessoonni Abbootii Qabeenyaaf Eyyama Invastimantii fi Kaartaa seeraan ala kennan adabaman

Naannoo Gambeellaatti ogeessoonni fi hoggantoonni Ejensii Invastimantii fi Bulchiinsa lafaa naanniichaa 10 abbootii qabeenyaa 28 oliif eyyama invastimantii fi kaartaa seeraan alaa kennuun himataman hidhaa waggaa 3 hanga shaniin adabamaniiru Akka Himaannaa Abbaa Alangaa Koomishiinii Namuusa fi Malanmaltummaa naannichaatti, namoonni kunnin bara 2005 hanga 2009 eyyama invastimantii fi kaartaa hojimaata mootummaan ala kennaniiru. Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Lafaa naanniichaatti ogeessi hojii ...

Read More »

Manni Murtii Federaalaa dhadacha 19ffaan gaaffii Doktoor Maraaraa Guddinaa ragaalee namaa abbaa halangaa argachuuf dhiyeessan hiikkaa gara mana marii Federeshiiniitti qajeelcheera.

Manni Murtiichaa gaaffii kana gara Mana Marii Federeshiiniitti kan qajeelchef maqaa ragaalee abbaa Alangaa abukatoota isaaniitiif kennuuf aangoo qaba moo hin qabu kan jedhu Hiikkaa Seeraa barbaachiisa jechun. Gaaffii himaannaan isaan irratti dhiyaate himaannaa shororkeessummaa dhaabbilee miidiyaa lamaan biyyaa keessa hin jire irratti dhiyaateerra adda bahee akka ilaallamuuf Dr Maraaraan gaafatan manni murtiichaa ammaas dideera Abbaan Alangaa hanga dhimmi himaannaa ...

Read More »

Jirattoonni magaala Boqqojjii Bishaan Dhugaatii Qulqulluu Dhabanii Rakkachaa akka jiran himan

Godina Arsiitti Jirattoonni madda Atiletoota beekamo magaalan Boqqojjii Bishaan dhugaatii qulqulluu guutumatti dhabuun rakkachaa akka jiran himan Sarari Ujummoo Bishaan dhugaatii durii jalqabee jirattoota magaalaa Boqqojjiif bishaan dhugaatii dhiyeessaa ture duuloomee tajaajila kennu erga dhaabee akka ture jirattoonni dubbataniiru. Bulchiinsi Magaalaa Boqqojjii fi Dhaabbanni Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa magaalaatti rakkoo bishaan dhugaatii jirattoota furuuf yaaliin gochaa akka hin jire ...

Read More »

Pirojektiin Shukkaraa Kuraaz lakkofsa Tokko Oomisha jalqabe jedhame kan gaabafame soba akka ta’e hojjattooni himan

Dhaabbanni Televizhiinii “ENN” jedhamu fi Mootummaa Waayyaanneen akka filannoo lammaffaatti hundeeffame Pirojektiin Shukkaraa Kuraaz lakkofsa tokko hojii akka jalqabe gabaasee ture. Warshiichi guyyaatti Shukkaraa toonii 650 akka oomishuu akkasumas haftee shukkaraa irra immo humna Anniisaa fayeeda warishichaa bira darbee jirattoota naanniichaaf tajaajilu akka maddisiisuu “ENN” kun gabaasun ni yaadatama. Hojjattoonni Warshichaa garuu oduu kana yoo dhaga’aan akka rifatan himaniiru. Miidiyaaleen ...

Read More »

Afriikaatti Hogganaan Sagantaa Misoomaa Mootummoota Gamtomaanii Obbo Tanaanyawarq Geetuu Intala hiriyaa isaanii waldorgommii malee akka mindeessan himameera.

Afriikaattii hogganaan Sagantaa Misooma Mootummoota Gamtomaanii obboo Tanaanyawarq Geetuu intala hiriyaa isaanii Ambasaddar Birhaanee Gabrakiristoos kan taate Saaleem Birhaanee waldorgommii malee hojiimaata osoo hin hordofne akka mindeeffamtuuf ajajaa kennu isaanii Inteer Siitii Pirees jedhamu gabaaseera. Saaleem Birhaanee Gabrakiristoos akka lakkofsa warra faranjoota bara 2013 sangantaa Misoomaa Mootummoota Gamtomaaniitti waldorgomii malee ajajaan akka mindeeffamte Inteer Siitii Pirees gabaaseera Inteer Siitii Pirees ...

Read More »

Lammiileen Itoophiyaa kumni 50n Saawud Arabiyaa gara biyyaatti deebi’uu isaanii himameera.

Lammiileen Itoophiyaa eyyama jireenya malee Saawud Arabiyaa jiraachaa turan labsii biyyaatti hordofuun gara biyyaatti deebi’aa jiru. Hanga ammaatti lammiileen kumni 50n gara biyyaatti akka deebi’an Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera. Lakkofsi lammiilee Itoophiyaa eyyama jireenya malee Saawud Arabiyaa jiraatanii fi kan hanga amma gara biyyaatti deebi’aan kan wal gitu miti jedhameera. Guyyoota dabalataa 30n Saawud Arabiyaa kennitetti fayyadamuun lammiileen Itoophiyaa gara ...

Read More »

Gaaffiin lafaa Godina Siidaamaa fi Waalayiittaa gara walitti bu’iinsaatti akka hin ceeneef mootummaan harkaa keessaa baafachuu qaba jedhame.

Ummanni Siidaamaa fi Walayiittaa waggoota hedduuf kabajaa fi jalalaan wajjiin jiraacha akka turan yaadachuun rakkoo gaaffii abbummaa lafa amma mudate karaa nagaan akka furan waldaan saba Waalayiittaa Amerikaa kaabaa jiraataniifi deeggartoota isaanii ibsa baaseen gaafateera. Ummatoonni lamaan waggoota hedduuf yeroo wajjiin jiraatan gaaffii abbummaa lafaa kaasaanii akka hin beekne ibsi kun yemmuu beekisisu, Amma garuu qondaltoonni mootummaa rakkoo kana akka ...

Read More »