Walitti Bu’iinsa Oromiyaa fi Naannoo Sumaalee keessatti gaheen miseensoota raayyaa ittisa biyyaa olaanaadha jedhame

Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee godina Booranaa keessatti cimee itti fufe keessatti miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa baay’inaan akka hirmaatan himameera Lammiilee Oromoo Booranaa baay’inaan kan ajjeessee miseensoota Raayyaa ittisa biyyaa akka ta’aniis beekameera Walitti bu’iinsa daangaa oromiyaa fi naannoo Sumaalee torbee darbee qofan lammiileen nagaa 20 akka ajjeeffaman ministirri wajjiira dhimmoota komunikeshinii mootummmaa Doktor Nagaarii Leencoo beeksisaniiru Akka ...

Read More »

Aaddee Azeeb Masfiin Miseensa Koree Hojii Raawwachiistuu Adda Bilisummaa Tigraay Keessaa Ittisaman

Walgahiin Koree hojii Rawwachistuu Adda Bilisummaa Tigraay ji’oota lamaa oliif itti fufe haadha manaa ministiira Muummee duraanii Aaddee Azeeb Masfiin miseensummaa koree hojii raawwachistuu addichaa keessaa itiseera. Akkasumas dura Taa’aan Addaa Bilisummaa Tigraay fi Pirezedantiin naanniichaa obbo Abbaay Walduun hoji raawwachiisummaarraa kaafamanii gara miseensa koree hoji raawwachiistummaan gadi bu’aanii akka itti fufan murta’eera Addi Bilisummaa Tigraay guyyoota itti aanaan keessatti ...

Read More »

Himannaan Shororkeessummaa obboo Yoonaataan Tasfaayee gara yakka idileetti jijjiirame.

Hogganaan Sab-qunnamitti ummataa paartii Samayaawwii duraanii obboo Yoonaatan Tasfaayee adabiin hidhaa himannaa yakka shororkeessummaan itti murta’ee ture jijjiirameef jira. Obboo Yoonaataan Tasfaayee himannaa yakka shororkeessummaa ittin himatamaniin manni murtii olaanoo Federaalaa adabii hidhaa waggaa 6 fi ji’a 6 itti murteesse ture. Obboo Yoonaataan Mormii ummata Oromoo bara 2008 wajjiin walitti dhufeenya qabaachu, mormii ummataa miidiyaalee hawaasummaan kakasuu, fi yakka shororkeessummaa ...

Read More »

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Mirgaa Wabii Obboo Baqqalaa Garbaa ilaalchisee beellama biraa kenne.

Itti-aanaa Hogganaan Kongiraas Federaliistii Oromoo Obboo Baqqalaa Garbaa mana murtii waliigalaa Federaalaatti, dhadacha ijibaataaf deebii isaanii bareeffamaan dhiyeessaniiru Warraqsa mormii ummata oromoo bara 2008 jalqabamee fi weerara lafaa daangaa hin qabne waan mormaniif yakka farra shorokeessummaan himatamanii akka turan obboo Baqqalaan xalayaa isaanii kanan yaadachisaniiru. Manni murtii olaanoo federaalaa dhimma isaanii ilaala erga turee booda yakkaa idileen akka himataman murateessuu ...

Read More »

Godina Booranaa Magaala Mooyyaleetti loltoonni Agaazii namoota heddu Rasaasaan akka miidhan himame.

Namoonni miidhaan qaama cimaan irra gahee hospitaalaa Mooyyalee daangaa Keeniyaa keessa jirutti waldhanamaa akka jiran maddeen oduu gabaasaniiru. Loltoonni Agaazii sababa tokko malee namoota nagaa irratti dhukaasa banuun jirattoota magaala mooyyalee keessattu dhalattoota oromoo irratti xiyyeeffachuun badii uumaa akka jiran gabaafameera. Oduu biraan immoo, miseensoota raayyaa ittisaa biyyaa hojii sakkata’iinsaaf kaampii isaanii Mooyyaleetti bahanii asi buuteen dhabame barbaadun itti fufeera. ...

Read More »

Manneen Hidhaa keessatti miidhan qaamaa adda addaa hidhamtootarra gahaa akka jiru Komishiniin Mirga Namoomaa mootummaa Itoophiyaa dubbateera.

Komishinichi hidhamtoota 38 yakka mana hidhaa qilinxoon gubuun himatamanii Shawaa Roobititti hidhamanii jiran keessa 16 miidhaa qaamaa gara mana hidhaa Qilinxoo wayita galan qaban malee kan biraa akka irra gahe beeksiseera. Hidhamtoonni 16n qaamni isaanii adda addaa madaa’uu, mallaattoon godaaniisaa hidhaa kaateenaa harka isaanii irratti mul’achu, qubni harka fi miilaa cabuu, Mallattoon Mismaaraa itti rukutamu mul’isu akka jiru beeksiseera Hidhamtoonni ...

Read More »

Kun ittuu Kanaan jiruu Miseensoonni Mana Marii mootummaa Itoophiyaa hogganaa Abbaa taayitaa Biroodkastii Itoophiyaa Zara’aay Asgidoon ilaalacha gooxummaa fi gosummaan balaleffachuun isaani gabasamera.

Ministirri Wajjiira Dhimmoota Komunukeshinii Mootummaa Doktor Nagarii Leencoo gabaasa raawwii hojii kurmaana tokkoffaa Mana marii bakka bu’oota ummataatti koree Aadaa, Turiziimii fi sab-qunammitiif tibbaana dhiyeesaniiru Doktoor Nagariin gabaasa isaanii kanan gahee fi aangoo dubbi himaa mootummaa, wajjiira dhimmoota komunikeshinii fi duula maqaa balleessuu wajjiira isaanii irratti banamee dhiyeessaniiru. Doktor Nagaarii fi wajjiirri isaanii kan bakka bu’aan mootummaa fi yaadni ibsaniis ...

Read More »

Albuuda Dhagaa Cilee Yaayyoo Jeneraloonni Waayyaannee Gurguraacha turan dargaggootaf akka kenname gabaafame.

Warshaa Xaa’oo yaayyoo Godina Iluu-Abbaa- Booraa aanaa Yaayyoo keessatti ijaraamu yoo xummurame fedhii xaa’oo qonnaan bultoota guutuu fi baasii sharafa alaa bitta Xaa’oof bahu hir’isuuf ture. Warshichi dhiyeessi galtee dheedhii albuuda dhagaa cilee lafti Yaayyoo Uumamaan ittiin badhateerra argata jedhameera. Ijaarsa warshaa kana Koorporeshiinii Injiranarniigii fi Siibilootaa Jenereloota waayyaannee hogganamu bara 2010 ni xumura jedhame eergama Koorporeshiniichi Ijaarsa warshicha bara ...

Read More »

Miseensoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Pooliisii Federaalaa Waayyaannee Daladala seeraan alaa cimsanii itti fufaniiru

Miseensoonni Raayyaa Ittisaa biyyaa fi Pooliisii Federaalaa waayyaannee konkolatoota mootummaa dhimmaa hojiif qabataniin daldala seeraan alaa irratti bobba’aniiru. Miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa waayyaannee Gidaay Takluu Walda Yohanniis jedhamu Shukkaraa fi Zayiitii seeraan alaa Konkolaataa Ooraalii waraanaa Lakkofsa gabatee መ.ከ 04391 jedhamutti fe’ee osoo gurguuru harkaa fi harkaatti qabamaeera. Konkolaata Ooraalii qabeenyummaan isaa Raayyaa Ittisa biyya Itoophiyaa ta’e tokkon sukkaara kuntaala ...

Read More »

Koreen Dhimma Eenyummaa Walqaayiit Abbaa Murtii Federaalaa tokko irratti komii qaban dhiyeeffatan.

Koreen Dhimma Eenyummaa Walqaayiit Amaaraa Abbaa Seeraa mana murtiii olaanoo Federaalaa dhadacha 4ffaa tokko dhimma isaanii akka hin ilaale gaafataniiru Abbaan Murtii miseensa Waayyaannee kan ta’an Obboo Zara’aay Waldasanbat ijjannoo Siyaasa mootummaa waan qabaniif dhimma isaanii ilaalu akka hin qabu jechun miseensoonni Koree eenyummaa walqaayiit Amaaraa mormaniiru Abbaan murtii gara bitaa Obboo Zara’aay Waldasanbaat dhimma himatamtoota koree Eenyummaa Walqaayiit ilaaluu ...

Read More »