Koreen Dhimma Eenyummaa Walqaayiit Abbaa Murtii Federaalaa tokko irratti komii qaban dhiyeeffatan.

Koreen Dhimma Eenyummaa Walqaayiit Amaaraa Abbaa Seeraa mana murtiii olaanoo Federaalaa dhadacha 4ffaa tokko dhimma isaanii akka hin ilaale gaafataniiru
Abbaan Murtii miseensa Waayyaannee kan ta’an Obboo Zara’aay Waldasanbat ijjannoo Siyaasa mootummaa waan qabaniif dhimma isaanii ilaalu akka hin qabu jechun miseensoonni Koree eenyummaa walqaayiit Amaaraa mormaniiru
Abbaan murtii gara bitaa Obboo Zara’aay Waldasanbaat dhimma himatamtoota koree Eenyummaa Walqaayiit ilaaluu fi murtii haqa-qabeessaa kennuuf gahuumsa akka hin qabne gaaffii himatamtoota baay’ee akka ta’e himameera
Miseensoota Koree Eenyummaa Walqaayiit Amaaraa obboo Atalaay Zaafee durasanii mormii isaanii abbaa murtii waayyaannee kanarratti akka dhiyeessan beekameera.
Abbaan Murtii miseensa waayyaannee Obboo Zara’aay Waldasanbat Marsaalee miidiyaa hawaasummaa fi miidiyaalee mootummaa irratti dhiyaachun ijjaannoo Walqaayiiy kan Tigraay jedhu qabu jedhameera
Ijjaannoo cimaa akkasii osoo qaban miseensoota koree eenyummaa Walqaayiit Amaaraaf murtii haqa qabeessa ni kennu jedhamee waan eegamneef dhimma isaanii ilaalu akka hin qabne gaafataniiru
Gaaffii kun kan himatamtoonni miseensoota Ginboot Sabaat fi ABO jedhamanii himatamani hunda waan ta’eef abbaa murtii kanan dhimmi isaanii ilaalamu hin qabu sagalee tokkoon dubbataniiru
Obboo Zara’aay Abbaa seeraa, mormaa fi kan erga dabarsuus ta’ee osoo jiru akkamitti dhimma keenya ilaalu danda’a jechun obboo Atalaay Zaafee komataniiru
Himataman biroo obboo Zamanaa Geetee mana hidhaa Maa’ikalaawwiitti walqaayiit kan eenyuuti jedhamanii reebama akka turan dubbachun abbaan murtii kun akkamitti dhimmaa isaanii akka ilaalu gaafataniiru.
Abbaan murtii Obboo Zara’aay gamasantiin, kan himatamtan gaaffii eenyummaa walqaayiit Amaaraatiin moo Shororkeessummaan akka ta’e kan ilaalamu ta’a jechun qoosaaniiru
Dhadachiis gaaffii abbaan murtii Zara’aay waldasanbat dhimma isaanii akka hin ilaale jedhu bareeffamman sadaasa 14, 15 fi 18 akka dhiyeeffatan ajajeera.
Abbaan Seeraa ilaalacha siyaasa qabu dhimma isaanii akka hin ilaale Komiin himatamtoota sirrii akka ta’e ogeessoonni seeraa himaniiru.
Abbaan Murtii kun osoo himatamtoonni komii isaanii hin dhiyeeffanne fedhiin dhimma kana ilaalu hin danda’u jechun gadhiisuu akka qabu ogeessoonni seeraa dubbataniiru
Ogsseesi seeraa Doktor Samahaany akka jedhanitti, komiin himatamtoota kun sirrii fi karaa seeraan fudhatama qaba.
Hoggansi Adda Dimokirasummaa Oromoo obboo Leecoo Baatii gamasantiin , komiin kun dhimma himatamtoota lamaa fi sadii osoo hin taane kan ummanni Itoophiyaa waggoota 26n darbaniif hawwaa ture jedhaniiru.