Albuuda Dhagaa Cilee Yaayyoo Jeneraloonni Waayyaannee Gurguraacha turan dargaggootaf akka kenname gabaafame.

Warshaa Xaa’oo yaayyoo Godina Iluu-Abbaa- Booraa aanaa Yaayyoo keessatti ijaraamu yoo xummurame fedhii xaa’oo qonnaan bultoota guutuu fi baasii sharafa alaa bitta Xaa’oof bahu hir’isuuf ture.
Warshichi dhiyeessi galtee dheedhii albuuda dhagaa cilee lafti Yaayyoo Uumamaan ittiin badhateerra argata jedhameera.
Ijaarsa warshaa kana Koorporeshiinii Injiranarniigii fi Siibilootaa Jenereloota waayyaannee hogganamu bara 2010 ni xumura jedhame eergama
Koorporeshiniichi Ijaarsa warshicha bara 2010 xummuruuf ijaarsa warshicha ji’a ji’aan dhibbeenta 3 hanga 4 raawwachuuf dhuma bara 2009 waada galuun ni yaadatama.
Yaa ta’u malee, ijaarsa warshicha Ji’a onkololeessa bara 2010 raawwii ji’a Waxabajjii bara 2009 dhibbeenta 43.3 irra tureerra dhibbeenta 0.28 qofan dabale jedhameera.
Hoggantoonni Koorporeshinichaa ijaarsi warshaan Xaa’oo Yaayyoo bara kami akka xummuramu dubbachu hin dandeenye jedhameera.
Jeneraloonni waayyaannee ijaarsicha bara kana xummura jedhanii dubbachuu dhabuun abbaa Pirojektichaa kan ta’e Koorporeshinii Keemkaaloota Itoophiyaa akka yaaddeesse himameera
Ijaarsi Pirojektichaa waan harkifateef Koorporeshinich yeroo ammaa ji’a ji’aa dhala baankii birrii miiliyoonaa 70 kaffalaa akka jiru himameera
Jeneraloonni Waayyaannee ijaarsa warshichaa lafarra harkiisa Albuuda Cilee seeraan gurguurachaa akka jiran beekameera
Albuuda dhagaa Cilee Oomishanii gurguruun faallaa kaayyoo Kooprporeshinichaa waan ta’eef jirattoota naanniicha biraatti komii uumeera
Jeneraloonni waayyaannee garuu albuuda dhagaa cilee akka gurgurataniif gorsaa ministiira muummee Doktor Arkabaa Iqubaayiirra eeyyama argachusanii himaniiru
Harkiifannaa Pirojektoota gurguddoo Shukkaraa Fi warshaa Xaa’oo ilaalchisees gaaffii ka’uuf deebii hojjachaa ni barana , barachaa ni hojjanna jedhun kennaniiru
Jeneraloonni Waayyaannee raawwii gabaasa kurmaanna 1ffaa erga dhiyeessanii booda gurgurtaan albuuda cilee Yaayyoo xiyyeeffannaa gudda argateera
Jeneraloonni Gorsaa ministiira muummee doktor Arkabaa Iqubaay wajjiin ta’uun albuuda dhagaa cilee kana warshaa Ayikaa Addis magaalaa Sabbataatti argamuutti gurgurachaa turaniiru.
Amma garuu mootummaan naannoo Oromiyaa Albuudni dhagaa cilee kana jeneraloonni waayyaannee akka hin gurgurannee murteessuusa gabaafameera
Hanga Ijaarsi warshaa Xaa’oo Yaayyoo xumuramee Omisha jalqabutti dargaggoonni naannichaa irratti gurma’aanii warshaa Huccuu Ayikaa Addisiif akka dhiyeessan murta’uusa gabaafameera.
Haaluma kanan Albuuda dhagaa cilee jeneraloonni waayyaannee gurguraacha turan kanaratti dargaggoonni 171 waldaa lamaan gurma’aan albudichaa oomishanii akka itti fayyadaman murta’eera