Himannaan Shororkeessummaa obboo Yoonaataan Tasfaayee gara yakka idileetti jijjiirame.

Hogganaan Sab-qunnamitti ummataa paartii Samayaawwii duraanii obboo Yoonaatan Tasfaayee adabiin hidhaa himannaa yakka shororkeessummaan itti murta’ee ture jijjiirameef jira.
Obboo Yoonaataan Tasfaayee himannaa yakka shororkeessummaa ittin himatamaniin manni murtii olaanoo Federaalaa adabii hidhaa waggaa 6 fi ji’a 6 itti murteesse ture.
Obboo Yoonaataan Mormii ummata Oromoo bara 2008 wajjiin walitti dhufeenya qabaachu, mormii ummataa miidiyaalee hawaasummaan kakasuu, fi yakka shororkeessummaa keessatti hiramataan jedhamanii ture kan hidhaman
Haaluma kanan himaannaa yakka shororkeessumma itti himatamn ofirra ittisuuf yaalaaniis abbootiin murtii raggaa ittisaa isaanii fudhachuu didun hidhaa waggaa 6 fi ji’a 6 itti murteessaniiru.
Obboo Yoonaataan Tasfaayee murtii kana mormuun gara abukatoo isaaniin ol-iyyaannii isaanii mana murtii waliigalaa federaalaatti dhiyeeffataniiru.
Manni murtichaas yakka shororkeessummaa manni murtii olaanoo Federaalaa ittiin murteesse haquun gara yakka idileetti akka jijjiiramu murteesseera.
Adabiin hidhaa waggaa 6 fi ji’aa 6 itti murta’ee ture jijjiirame adabii hidhaa waggaa 3 fi ji’aa 6 akka adabamu manni murtii waliiglaa federaalaa itti murteesseera.
Waggoota sadeen darbaan mana hidha waayyaannee keessatti dararamaa kan ture Obboo Yoonaataan Tasfaayee murtii amma kennameen yeroo dhiyoo keessatti ni hiikama jedhame eegama
Abbaan Alangaa waayyaannee dhimma biraa itti barbaade mana hidhaa keessa tursisuu ni danda’a namoonni jedhaniis jiru .
Namoonni kunniin sirni haqaa Itoophiyaa dhugaa fi haqaan osoo hin taane fedhii siyaasa irrattikan hunda’e jechun sababa shakkii isaanii ni dhiyeessu.
Oduu biraan immoo, miseensoonni koree ennyummaa Walqayiit Amaaraa iyyaannoo abbaan Murtii Zara’aay Waldasanbaat dhadacha dhimma isaanii ilaaluurra akka ka’u gaafatan bareeffaman dhiyeeffataniiru.
Miseensoonni korichaa Obboo Mabraatuu Getaahuun, obboo Getaachoo Addamaa,Obboo Atalaay Zaafee ,Obboo Alanaa Shammanaa fi Obboo Naggaa Bantayihuun iyyaannoo abbaan murtii Zara’aay Waldasanbaat dhimmaa isaanii akka hin ilaale waltajjii adda adda irratti gaafacha turaniiru