Kun ittuu Kanaan jiruu Miseensoonni Mana Marii mootummaa Itoophiyaa hogganaa Abbaa taayitaa Biroodkastii Itoophiyaa Zara’aay Asgidoon ilaalacha gooxummaa fi gosummaan balaleffachuun isaani gabasamera.

Ministirri Wajjiira Dhimmoota Komunukeshinii Mootummaa Doktor Nagarii Leencoo gabaasa raawwii hojii kurmaana tokkoffaa Mana marii bakka bu’oota ummataatti koree Aadaa, Turiziimii fi sab-qunammitiif tibbaana dhiyeesaniiru
Doktoor Nagariin gabaasa isaanii kanan gahee fi aangoo dubbi himaa mootummaa, wajjiira dhimmoota komunikeshinii fi duula maqaa balleessuu wajjiira isaanii irratti banamee dhiyeessaniiru.
Doktor Nagaarii fi wajjiirri isaanii kan bakka bu’aan mootummaa fi yaadni ibsaniis ijjaannoo mootummaa akka ta’e qaamni hundu hubachuu akka qabu miseensoonni korichaa wayituma kana beeksisaniiru
Ministiira Dhimmoota Kominkeshinii wajjiirichaa kan muude Mana marii bakka bu’oota ummataa akka ta’e qamni hundu hubachuu akka qabu miseensoonni koricha himaniiru.
Mormii ummataa Oromoo wajjin walqabatee walitti bu’iinsa mudate ture waan sabaa fi sablamoota irratti xiyyeeffate fakkeessun miidiyaaleen gabaasan seeraan akka gaafataman Dr Nagariin kana dura beeksisuun ni yaadatama.
Ibsa doktor Nagariin booda hogganaan abbaa taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa Obboo Zara’aay Asgidoom yaadni ministirri Dhimmoota komunikeshinii mootummaa kennan kan dhuunfaa isaanii malee kan mootummaa miti jedhaniiru.
Miidiyaalee irratti tarkaniiffii fudhachuuf aangoo kan qabu wajjiira isaanii fi mana murtii qofa akka ta’e obboo Zara’aay dubbatan ture
Mana marii bakka bu’oota ummataatti, miseensoonni Koree Aadaa Turiziimii fi sab-qunammitii yaada obboo Zara’aay Asgidoom balaleeffataniiru
Miseensoonni korichaa “Akka biyyaatti yaa yaadnu yoo jennee kan nu fayyadu Itoophiyummaa malee Gosummaa fi Gooxummaan nu hin fayyadu” jedhaniiru
Paartii biyyaa bulchu jala dhokachun yaada gosummaa fi gooxummaa akka hojii idilee mootummaatti hordofun sirri miti jechun yaada Zara’aay Asgidoom balaleeffataniiru
Miseensoonni Korichaa dhimmichaf xiyyeeffannoo kennuun Ministirichaa fi wajjiira dhimmoota Komunikeshinii mootummaa tumsuu isaaniif galateefatamaniiru
Qaamni Mootummaa dhimmich ilaalatus tarkaniiffii ni fudhata jedhame akka eegamu himameera