Aaddee Azeeb Masfiin Miseensa Koree Hojii Raawwachiistuu Adda Bilisummaa Tigraay Keessaa Ittisaman

Walgahiin Koree hojii Rawwachistuu Adda Bilisummaa Tigraay ji’oota lamaa oliif itti fufe haadha manaa ministiira Muummee duraanii Aaddee Azeeb Masfiin miseensummaa koree hojii raawwachistuu addichaa keessaa itiseera.
Akkasumas dura Taa’aan Addaa Bilisummaa Tigraay fi Pirezedantiin naanniichaa obbo Abbaay Walduun hoji raawwachiisummaarraa kaafamanii gara miseensa koree hoji raawwachiistummaan gadi bu’aanii akka itti fufan murta’eera
Addi Bilisummaa Tigraay guyyoota itti aanaan keessatti Pirezedaantii naanniichaa fi dura taa’aa paartiichaa ni filata jedhame eegama
Itti-Aanaa dura taa’aan paarticha doktor Dabra tsiyoon Gabramika’eel teessoo olaanoo paartichaa ni fudhatu jedhame tilmameera
Dr Dabratsiyoon miseensoota addichaa tuffachuu fi dubbatanii amansiisuu waan hin dandeenyeef namni biraa dura taa’uummaan akka filatamu fedhiin guddaan akka jiru himameera.
Paartiichi haadha mana ministiira Muummee duraanii Aaddee Azeeb Masfin koree Hoji raawwachistuu fi giddugaleessa keessa waan ittiseef aangoo hoggansa Kaampaanii Ifart irra kaasuu akka malu shakkameera.
Aaddee Azeeb Masfiin Itoophiyaa keessatti kampanoota baay’ee hundeessuun birrii biiliyoona heddu kan saamee kampaaniin waayyaannee Ifart hogganaa akka jiran kan beekamudha
Obboo Abbaay Walduus dura taa’uummaa Adda Bilisummaa tigraay malee aangoo Pirezedantummaa naanniichaas dhabuu malu jedhameera
Doktor Arkabaa Iqubaay immoo pirezedantii naannoo tigraay ta’aanii filatamuu akka danda’an maddeen oduu tokko tokko gabaasa jiru.
Dr Arkabaan miseensa mana marii Tigraay waan hin taaneef adeemsa seeraan pirezedantii naanniicha ta’u akka hin dandeenye himameera
Addi Bilisummaa Tigraay Aaddee Azeeb Masfiin, Obboo Abbaay Walduu malee Miseensa koree hoji raawwachiistuu obbo Bayyanaa Mikruun, koree hoji raawwachiistummaarraa gadi bu’anii akka hojjetan murteesseera
Miseensoonni koree hojii raawwachistu lama immoo akeekkachisni akka kennameef himameera