Manneen Hidhaa keessatti miidhan qaamaa adda addaa hidhamtootarra gahaa akka jiru Komishiniin Mirga Namoomaa mootummaa Itoophiyaa dubbateera.

Komishinichi hidhamtoota 38 yakka mana hidhaa qilinxoon gubuun himatamanii Shawaa Roobititti hidhamanii jiran keessa 16 miidhaa qaamaa gara mana hidhaa Qilinxoo wayita galan qaban malee kan biraa akka irra gahe beeksiseera.
Hidhamtoonni 16n qaamni isaanii adda addaa madaa’uu, mallaattoon godaaniisaa hidhaa kaateenaa harka isaanii irratti mul’achu, qubni harka fi miilaa cabuu, Mallattoon Mismaaraa itti rukutamu mul’isu akka jiru beeksiseera
Hidhamtoonni reebicha guddaan mallaattoon godaaniisa dugda isaanii irratti akka mul’atu komishiniichi beeksiseera
Akkasumas godaaniisa ijaa, Qeensa buqqisuu, godaaniisaa hidhaa kaateenaa miilaa lamanii irratti mula’chuu fi mallattoon dugda hidhamtoota irratti mismaara itti rukutuu jiraachu komishinnichi mirkaneesseera.
Walumaa galatti qorattoonni komishinichaa Godaniisa babal’aa sababa reebichaan uumamee qaama hidhamtoota adda addaa irratti argusaanii gabaasaniiru.
Qeensa harkaa fi miilaa buqqisuu, qaama hidhamtoota irratti misamaarii rukutuu fi harkaa fi miilaa isaanii kateenaan waliitti hidhun madeessuun dararuu keessatti argama.
Manneen hidhaa waayyaannee Maa’ikalaawwii jalqabee hanga Qaaliitti, Qilinxoo, Shawaa Roobiit, Baatuu, kaampiwwaan Raayyaa ittisaa fi Pooliisii Federaalaa bakka lammiileen biyyaatti imammata mootummaa morman itti dararamaan.
Manneen hidhaa kanniin keessatti miseensoonni waayyaannee lammiilee biyyaatti nagaa ilaalacha siyaasa addaa waan qabaniif qofa maqaa qorannoo jedhun dararuun aangoo dheerefachuuf yaala jiru.
Tarkaniiffiiwwaan sukkaneessa hidhattoonni waayyaannee lammiilee nagaa irratti fudhatan keessaa dhiira kolaasuu, dubartoota gudeeduu, qeensa irraa buqqisuu, riifensa irraa buqqisuu, mismaara itti rukutuu fi kutaa dukkanaa keessatti hidhuun isaan murasa.
Hidhamtoonni mana hidhaa keessatti rakkoo cimaa isaaniirra gahu mana murtiitti iyyataniis furmaata argachu akka hin dandeenye ni himama.
Oduu walfakkatuun Manni Murtii Sobaa waayyaannee yakka dhadacha jeequu jedhun hidhamtoota irratti adabii hidhaa murteessa jira
Manni murtichaa dhadacha gaafa kamisaa ta’een hidhamtoota Tashaagaar Waldamika’eel hidhaa ji’a sadii, Obboo Ballaxaa Addunyaa,Tasfamika’eel Abbaabaa fi Indalaaw Fiqaadee hidhaa ji’aa jahaa itti murteesseera.
Himatamaa Tashaagaar Waldamika’eel akkataa labsii farra shororkeessummaa fi yakka idileen bakka yakki itti raawwatameetti dhimmi isaanii akka ilaalamu mana murticha gaafataniiru
Himatamaan Aschaalaaw jedhaman immoo sababa qorannootin hidhattoonni waayyaannee akka isaan kolaasaan surree baafachuu qaama saalaa isaanii dhadachaatti agarsiisaniiru.
Abbootiin seeraa waayyaannee garuu miidhaa hidhamtoota irra gahaa jiru dhaggeeffachu dhisuun sababa dhadacha jeequu jedhun hidhaa ji’a sadii hanga ji’a jaha murteessuun erga siyaasa raawwataniiru