Miseensoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Pooliisii Federaalaa Waayyaannee Daladala seeraan alaa cimsanii itti fufaniiru

Miseensoonni Raayyaa Ittisaa biyyaa fi Pooliisii Federaalaa waayyaannee konkolatoota mootummaa dhimmaa hojiif qabataniin daldala seeraan alaa irratti bobba’aniiru.
Miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa waayyaannee Gidaay Takluu Walda Yohanniis jedhamu Shukkaraa fi Zayiitii seeraan alaa Konkolaataa Ooraalii waraanaa Lakkofsa gabatee መ.ከ 04391 jedhamutti fe’ee osoo gurguuru harkaa fi harkaatti qabamaeera.
Konkolaata Ooraalii qabeenyummaan isaa Raayyaa Ittisa biyya Itoophiyaa ta’e tokkon sukkaara kuntaala 13 fi Zayitii nyaata Jaarkaanii abbaa leetiroo 20 muraasa seeraan alaa gurgura ture.
Miseensi raayyaa Ittisaa kun magaala jimmaa Ganda Bachoo Booree bakka Sheelii Xilahun jedhamutti Shukkaraa fi zayitii seeraan ala fe’e gurguru wajjiin Pooliisii Oromiyaan harkaa fi harkaatti to’aanoo jala oolfameera
Bifuma walfakkatuun, miseensoonni Pooliisii Federaalaa lamaa Godina Harargee Bahaatti jimaa Kontirobandiin fe’aanii gara naannoo Sumaalee geessuuf wayita yaalan magaala Baabbileetti to’aannoo jala oolfamun isaanii ni yaadatama.
Poolisoonni Federaalaa laman jimaa fe’aan magaala Baabbileetti miseensoota Pooliisii Oromiyaan harkaa fi harkaatti to’aannoo jala oolfmanii seeraatti dhiyaataniiru.
Manni Murtii Olaanoo Godina Harargee Bahaas dhimmicha ilaala erga turee booda adabii hidhaa itti murteesseera.
Miseensoonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa fi Pooliisii Federaalaa Mootummaa waayyaannee konkolaataa mootummaa hojiin itti kenname fi ergama seeraa kabachiisu qabaniitti fayyadamun daldala seeraan ala cimsanii itti fufaniiru.
Jeneraloonno waayyaannee gurguddoon daldala seeraan alaa biyyoota alaatii galaniirratti wayita bobba’an, miseensoonni sadarkaa gadaanaarra jiran immoo daldala seeraan alaa xixiqaa biyyaa keessaa irratti bobba’aniiru.