Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Mirgaa Wabii Obboo Baqqalaa Garbaa ilaalchisee beellama biraa kenne.

Itti-aanaa Hogganaan Kongiraas Federaliistii Oromoo Obboo Baqqalaa Garbaa mana murtii waliigalaa Federaalaatti, dhadacha ijibaataaf deebii isaanii bareeffamaan dhiyeessaniiru
Warraqsa mormii ummata oromoo bara 2008 jalqabamee fi weerara lafaa daangaa hin qabne waan mormaniif yakka farra shorokeessummaan himatamanii akka turan obboo Baqqalaan xalayaa isaanii kanan yaadachisaniiru.
Manni murtii olaanoo federaalaa dhimma isaanii ilaala erga turee booda yakkaa idileen akka himataman murateessuu yaadachisaniiru.
Yakki idilee ittin himatama mirga wabii kan dhorkachiisu ta’uu baatus, dhadachi pirezedantiin mana murtii abbaan seeraa idilee hin taane irratti argaman mirga wabii akka isaan dhoorkate beeksisaniiru.
Manni murtichaa mirga wabii dhoorkachuu murtii siyaasa akka ta’ees xalayaa isaanii kanan ibsaniiru
Garuu adeemsi seeraa itti aanuu sakkata’uun barbaachisadha jechun Mana murtii Waliigalaa Federaalaatti akka ol- iyyatan obboo Baqqaalaan xalayaa isaanii kanan himaniiru
Manni Murtii waliigalaa Federaalaa dhadacha onkololeessa 20 bara 2010 ta’een mirga wabii birrii kuma 30n akka gsdhiifaman akka murteesseef himanaiiru.
Maallaqni mirga wabii kun erga kaffalamee booda bulchiinsi mana hidhaa ajaja mana murtiitti ol ta’e mana hidhaati gadhiisuu akka dide xalayaa kanan ibsaniiru
Onkoloeessa 21 bara 2010 immoo mana murtii Waliigalaa Federaalaatti dhadachi ol-iyyaannoo ijibaata osoo hin ta’aamne gaaffii abbaa alaangaan mirgi wabii isaanii ittisamee mana hidha akka turan murta’eera.
Murtiin kun immoo qindeessummaa qaama seeraa olii fi abbaa Alangaa isaan himateen kan murteeffame ta’uu ummata Itoophiyaa fi hawaasa addunyaa hundaaf ifa jedhan
Dhadachi kun mirga wabii isaaniif eyyamame dhorkuun yeroof osoo hin taane itti fufinsaan akka dhoorkate eenyuuf bilisa jedhaniiru
Ammas xalayaa kan kan dhiyeessan manni murichaa murtii haqa qabeessa kenna jedhanii abdachuun osoo hin taane, galmeen kun sadarkaa gadii hanga oliitti adeemsa keessa darbe mul’isuuf jedhan
Garafulduraatti qoratoonni dhimmaa bilisummaa murtii irratti qorataniif ragaa akka ta’u yaadu fi dhabbata biyyaa isaaniif kabaja kennuun akka ta’e obboo Baqqalaa Garbaa xalayaa mana murtichaaf bareessan ibsaniiru
Kanaafuu, dhadachichi ijibbaata seeraa fi murtii manni murtii waliigalaa federaalaa kenneef xiyyeeffannoo keessa galchuun yookan immoo seeraa gara maddiitti dhiisuun murtii barabaade akka isaaiif kennu xalayaa kanan gaafataniiru.
Mana Murtii waliigalaa Federaalaattii dhadachi ijibbaataa Mirga Wabii Obbo Baqqalaa Garbaa ilaalchisee deebii isaan bareeffaman dhiyeessan irratti deebii kennuf muddee 2 bara 2010tti tti beellameera.