Godina Booranaa Magaala Mooyyaleetti loltoonni Agaazii namoota heddu Rasaasaan akka miidhan himame.

Namoonni miidhaan qaama cimaan irra gahee hospitaalaa Mooyyalee daangaa Keeniyaa keessa jirutti waldhanamaa akka jiran maddeen oduu gabaasaniiru.
Loltoonni Agaazii sababa tokko malee namoota nagaa irratti dhukaasa banuun jirattoota magaala mooyyalee keessattu dhalattoota oromoo irratti xiyyeeffachuun badii uumaa akka jiran gabaafameera.
Oduu biraan immoo, miseensoota raayyaa ittisaa biyyaa hojii sakkata’iinsaaf kaampii isaanii Mooyyaleetti bahanii asi buuteen dhabame barbaadun itti fufeera.
Miseensoonni Raayyaa ittisa Biyyaa Itoophiyaa 30n hidhannoo isaanii guutuu wajjiin hojii sakkata’iinsaa idileef kaampii keessa akka bahanii osoo deebine hafaniiru
Miseensoonni Rayyaa ittisaa biyyaa kutaa Ajaja waarana 10ffaa Mooyyaleeti Wixaata darbe akkumaa bahanitti hafaniiru.
Miseensoonni raayyaa sakkata’insa isaanii yeroo murta’ee keessatti xummuranii gara kaampiitti ni deebi’uu jedhame eegama kan ture ta’uus, hidhannoo isaanii guutuu wajjiin dhabamaniiru
Dhimmicha wajjiin walqabatee Ajaja kutaa waraanaa 10ffaa Mooyaleetti jiru keessatti sooda uumeera
Ogeessi Raadiyyoo loltummaa loltoota badan kanniin ilaalchisee odeeffannoo dogongora kenne jedhame akka hidhame himameera
Loltoonni kunnin erga dhabamanii booda miseensoota raayyaa ittisa biyyaa dhalattoota Oromoo fi Amaaraa ta’an irratti hordoffii cimaan taasifamaa akka jiru hubatameera.
Ajajoonni waayyaannee miseesoota raayyaa ittisa biyyaa dhalattoota oromoo fi Amaaraa ta’an basasaa jiru jedhameera
Miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa 30n yeroo tokkoon dhabamuun Ajajoota waayyaannee akka rifachiise beekameera.
Sababni loltoonni badaniif qabatamaan beekamu baatuus tarkaniiffii ajajoonni waayyaannee sabaa fi sablamoota biyyaatti walitti buusuutti gadduun ta’u mala jedhameera’
Miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa hojiirra osoo jiran miliqaa kan turan ta’uus, kan amma garuu baay’inaa fi haali ittin miliqaan jeneraloota waayyaannee yaadesuun himameera.

Karaa biraatin ammo Godina Harargee Bahaatti Jirattoonni magaalaa Harawaacaa fi naannooshee hiriraa mormiif akka bahan gabaafameera.
Jirattoonni gaaffii hidhamtoonni Siyaasaa yaa gadhiifaman, Raayyaan Ittisaa biyyaa fi Pooliisiin Federaalaa ganda keessa deemuun namoota nagaa jeeqaa jiran akka bahan hiriira mormiin gaafataniiru.
Kana malees, hojjattoonni mootummaa fi barsiisoonni Oromoo ilaalacha siyaasa qabaniif qofa hojiirra ari’aman gara hojiitti akka deebi’aan jirattoonni magaala Harawaacaa hiriraa mormii gaafataniiru.
Hoggantoonni Liyyuu Pooliisii Sumaalee dhalattoota oromoo qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqisaan hatattamaan seeraatti dhiyeechu akka qaban gaafataniiru.
Miseensoonni Raayyaa Ittisa biyyaa fi pooliisii Federaalaa gandoota keessa deemuun dubartoota gudeedduuf yaaluu fi namoota reebuun jeequmsa uumaa waan jiraniif hatattamaan akka bahaan jirattoonni magaala Harawaacaa gaafataniiru.
Magaloonni Godinaalee Qeellama Wallaggaa, Harargee lamaan, Booranaa fi Shawaa Lixaa baay’een hidhattoota Agaaziin bulaa akka jiran jirattoonni dubbataniiru.
Magaalota kana keessatti namoota qaama miidhamtoota harkaa fi miilli isaanii hin sochonee fi gargaarsa nama biran nyaata nyaatanii fi bishaan dhugan dabalatee kan biroo baay’een hidhamaa fi ajjeefamaa akka jiran himameera
Bifuma walfakkatuun, Godina Harargee Lixaatti Jirattoonni Magaala Baddeessaa fi naannoo ishee dallanuun hiriira mormii bahaniiru
Mormii Aanaa Odaa Bultum kanaf sababa kan ta’e immoo talaalliin dhibee pooliiyoof kenname wajjiin walqabatee ijoollee baay’een waan dhukkubsataniif jedhameera.
Talaallii kanan ijoolleen Araddaa hilifataa fi mana barumsa magaala Badeessaa baay’een akka dhukkubsatan himameera.
Ijoolleen dhukkubsatan manneen yaalaa adda addaatti waldhanamaa jirachun dhaga’ameera.
Bifuma walfakkatuun Godina Baaleetti Barattoonni Yuunivarsiitii Madda Walaabuu barnoota erga addaan kutanii guyyoota sadi ta’uu himameera.
Poolisoonni kora bittineessaa Oromiyaa fi barattooni erga wajjiin mari’atanii booda barnoota jalqabuuf kophiirra osoo jiran loltoonni Agaazii gara moora seenuun barattoota akka reeban gabaafameera.
Loltoonni Agaazii konkolaataa hojjattoota yuunivarsitichaaf tajaajila geejjibaa laatuun moora yuunivarsitichaa seenuun reebicha waan jalqabaniif barattoonni baay’een dallaa keessa baqatanii bahaniiru
Dhaabbileen Barnoota olaanoo mootummaa baay’ee keessatti qormaanni maadallii gahuumsa yookan ‘COC’ jedhamu mormuun barattoonni barnoota addaan kutaa akka jiran himameera.
Minsteerri barnoota qormaata gahuumsa kana ilaalchisuun hojii hubannoo uumuu duursee waan hin hojjanneef barattoonni fi hoggantoonni Yuunivarsitoota hubannoo gahaa hin qaban jedhameera