Walitti Bu’iinsa Oromiyaa fi Naannoo Sumaalee keessatti gaheen miseensoota raayyaa ittisa biyyaa olaanaadha jedhame

Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee godina Booranaa keessatti cimee itti fufe keessatti miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa baay’inaan akka hirmaatan himameera
Lammiilee Oromoo Booranaa baay’inaan kan ajjeessee miseensoota Raayyaa ittisa biyyaa akka ta’aniis beekameera
Walitti bu’iinsa daangaa oromiyaa fi naannoo Sumaalee torbee darbee qofan lammiileen nagaa 20 akka ajjeeffaman ministirri wajjiira dhimmoota komunikeshinii mootummmaa Doktor Nagaarii Leencoo beeksisaniiru
Akka maddeen ESAT jedhanitti immoo, lakkofsi lammiilee sababa weerara Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaaleetiin lubbuu isaanii dhaban 70 ti dhiyaatu
Walitti bu’iinsa Aanaa Mooyyaleetti miseensoonni Raayyaa Ittisa biyyaa lama erga ajjeeffamanii booda tarkaniiffii haalo bahuu miseensoonni raayyaan fudhataniin lubbuu namoota nagaa heddu darbeera
Walitti bu’iinsa sadaasa 16 bara 2010 tureen immoo miseensoonni Liyyuu Pooliisii Naannoo Sumaalee baay’ee fi miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa sadi ajjeeffamaniiru
Walitti bu’iinsa torbee darbee qofan miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa liyyuu pooliisii naannoo Sumaalee gargaarun gandoota oromiyaa weeraran shan ajjeeffamaniiru.
Liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee meeshaa waaranaa gurguddaa hidhate torbee darbe aanaalee godina Booranaa keessattu aanaa Areeroo weerarun miidhaa guddaa qaqqabsiiseera.
Oduu Biraan immoo, Jirattoonni aanaalee godina Booranaa adda addaa shira mootummaa Federaalaa fi weerara liyyuu Pooliisii naannaa Sumaalee hiriira bahuun mormaaniiru
Keessattu jirattoonni Aanaa Hiddii Lolaa guyyoota sadiif walitti aansuun shira mootummaa waayyaanne hiriira bahuun mormaniiru
Jirattoonni kunniin dhadannoowwaan ”Oromoon tokko adda hin bahu, Mootummaan waayyaannee sabaan walitti nu hin buusu , sabaa nu keessa jiru ni jaalana jedhu ”fi Raayyaan Ittisa biyyaa hatattamaan akka bahu gaafataniiru.
Jirattoonni Aanaa Dirree magaala Meggaa weerara liyyuu pooliisii naannoo Sumaalee fi gocha raayyaa ittisa biyyaa hiriira mormii bahaan balaleeffataniiru.
Miseensoonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa muraasni gocha diinaa irratti hin raawwatamne jirattoota Godinaa Booranaa Aanaa Dirree irratti akka raawwatan Bulchiinsi Godinaa Boraanaa Xalayaa Wajjiira ministiira Muummeef bareesseen beeksiseera.
Miseensoonni Raayyaa ittisa Biyyaa muraasni Onkololeessa 2 bara 2010 Aanaa Dirree Ganda Soodaatti meeshaa maalummaanii fi abbaan qabeenyummaa hin beekamne konkolattoota 8 tti fe’uun daandii Asfalitti gadhiisuun imala turu xalayaan kun yaadachiiseera
Jirattoonni Gandichaas konkolattoonni haala hin baramneen daandii asfalitti gadhiisanii kan imalaniif meeshaa Kontirobandii waan fe’aniif jechun akka shakkan Xalayaan Bulchiinsi godina Booranaa Wajjiira Ministiira Muummee fi Ittisa biyyaa bareesserra hubatameera
Miseensoonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa konkolattootaf eegumsa gocha turan koottaa wajjiin sakatanaa jechun ummata waamuun gocha sukkaneessaa akka irratti raawwatan xalayaa kanarra hubatameera.
Tarkaniiffii Sukkaneessa kanan lubbuu namoota sadii galaafachun namoota 19 immoo akka madeessan xalayicharra hubachun danda’ameera.
Miseensoonni Raayyaa gocha sukkaneessa lammiilee nagaa irratti raawwachun meeshaa waaranaa gurguddaa hidhachun ummata sodaachisu akka itti fufan himameera.
Miseensoonni Raayyaa Ittisaa biyyaa gocha ajjeecha sukkaneessa lammiilee nagaa irratti raawwatan kunniin seeraatti akka dhiyaataniif qaamni dhimmi ilaalu dabarsee akka isaaniif kennu bulchiinsa Godina Booranaa Xalayaan kanan gaafateera.