Author Archives: Central

Mumichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahmad Ebla 7 bara 2018 aangawoota federaalaa fi kan bulchiinsa naannoo waliin magaalaa guddoo bulchiinsa naannoo Somaalee Jigjigaa dhaqanii ti turan.

DR. Abiy Ahimed aanaalee daangaa oromiyaa bulchiinsa naannoo somaalee keessatti walitti bu’iinsa uumameefi badii inni dhaqqabsiise xumura itti gochuuf, itti aanaa mumicha ministeeraa Obbo Dammaqee mokonniin, perezedaantii oromiyaa obbo lammaa Magarsaa, aanga’oota federaalaaf kanneen bulchiinsa naannoo biroo waliin gara jijjigaa dhaqaniiti turan. Marii magaalaa Jigjigaatti hawaasaafi aanga’oota naannoo Somaalee waliin taassifame kanarrattis, Dr. Abiy konfiransiin nageenyaa hawaasa Oromoo fi Somaalee ...

Read More »

Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Mariif Fedhii Agarsiisuu Yunaaytid Isteets Mirkaneeffachuun beekame

Wayita hoggantoonni biyyoota lamaanii wal arganitti, egeree nukileera ishee ilaalchisuun marii gochuuf Kooriyaan Kaabaa waadaa seenteetti jechuun qoondaalli Ameerikaa dubbatan. Kooriyaan Kaabaa, baatii darbe keessa waa’ee walga’ii kanaa eega dhiheessitee booda, hoogganaan biyyattii – Kim Jong Un kallattiidhaan prezidaant Traamp wajjin walga’uuf fedhii qabaachuu mallattoo qabatamaa agarsiisuun kun kan jalqabaa ti. Qophiin walgahii kanaas kallattiin iccitiidhaan Kooriyaa Kaabaa waliin haasa’uus ...

Read More »

Dr. Abiy Ahimad Ministeera mummee Itoophiyaa ta’uun mana maree bakka bu’oota uummataatiin erga raggaasifaman Amerikaa dabalatee biyyiti gara garaa ergaa gammchuu dhaaman.

Embaasiin Ameerikaa magaalaa Finfinnee ibsa baasaniin Dr. Abiy Ahimad Ministeera mummee Itoophiyaa ta’uun mana maree bakka bu’oota uummataatiin erga muudaman gammachuu itti dhagahame dhaamaniiru. Ibsa kana irratti jijjiirama dimookiraasii fi diinagdee mootummaan saffisaan akka raawwattuuf jecha akka deeggaran ibsuun, akkasumaas Labsii Yeroo Muddamaa hattamaan akka kaafamu waaminsa dhiheessaniiru. Presedaantiin Keenyaa Uhuruu Keniyaattaa fi dura taa’aan Koomishiinnii Gamtaa Afrikaa obboo Muussaa ...

Read More »

Godina harargee lixaa aanaa gumbii bordoddee ardaa dirree qaalluutti humni addaa poolisii naannoo sumaalee uummata nagaa irratti lola geggeessaa jiraachuun dhaga’ame.

Humni poolisii addaa naannooo sumaalee hawaasa nagaarratti dhukaasa banuu ammas itti fufee jira. Ebla 1 bara 2018 godina harargee lixaa aanaa gumbii bordoddee ardaa dirree qaalluu bakka haxaawwe jedhamutti humni addaa poolisiii naannoo sumaalee abdii illeen bobbaase rasaasa uummata nagaa irratti banuu odeeffannoon achii arganne ni mul’isa . Guutuu Gabaasaa Galaaneen akkanaan qopheeysite! Sagalee! Lola kanaanis tarkaanfii jiraattonni ofirraa ittisuun ...

Read More »

Biyyiti Itoophiyaa, Ijiptii fii Suudaan Ijaaramuu laga Abbayyaa irratti mari’achuuf guyyaa Roobii boruu magaalaa Kaartuum itti wal-ga’uun barame.

Wal-ga’ii guyyaa boruu magaalaa Kaartuum ti geggeefamtu irratti ministeeronni dhimma alaa, ministeeroonni Bishaanii fii hooggantoonni nageenyaa akka irraa hirmaatan ibsameera. Wal-ga’iin ji’a bitootessaf karoorfamee ture sababii Muummeen Ministeera durii Haylamaariyaam Dassaalany jerjertiin angoo gadi dhiisaniif jecha gaaffii biyyiti Itoophiyaa dhiheessiteen akka dheeratee ture Gaazeexaan Ijibtii Al-Ahraam jedhamu gabaaseera. Biyyiti sadeen gaafa ji’a Sadaasaa darbee magaalaa Kaayroo ti wal-ga’anii qorannoo kubbaaniyaa ...

Read More »

Israa’el karoora godaantota biyyoota Lixaatti erguuf waligalte yeroof akka dhaabde beekame

Ministeerri muummee Israa’el Beniyaamin Netaaniyaahu waliigaltee ejensii godaantota Biyyoota Gamtoomanii waliin qaban yeroof addaan akka kutan ibsan. Akka waliigaltee kanaatti Israa’el godaantota Afrikaa biyyoota Lixaatti erguuf qixuma sanaan immoo kaan biyyattii keessa akka jiraatan eyyamuuf turuun ishee beekame. Gama kaaniin, dubbi himaan ejensii godaantota Mootummoota Gamtoomani BBC’tti akka dubbatanitti dhimma kana irratti mootummaa Israa’el biraa yaadni isaanitti dhiyaate hin jiru. ...

Read More »

Qabsooftuun farra Appaartaayidii Afriikaa Kibbaa Wiinii Mandeellaa, Du’aan boqatan.

Qabsooftuun farra Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa fi Haati mana Nilsan Mandeellaa durii aaddee Wiinii Mandeellaa ishee umrii 81 guyyaa Wiixata kaleessaa du’aan adunyaa irraa galuu BBCn gabaaseera. Winii Mandeellaan jalqaba bara kanaarraa kaasanii hospitaala seenaa utuma bahanii,guyyaa Wiixata sa’atii booda maatiisaanii gidduutti du’aan boqachuu isaanii dubbataan maatii Wiinii Maandeellaa Victor Dlamini ibsaniiru. “Duuti Wiinii Mandeellaa hedduu nu naasise, waan nuti hin ...

Read More »

Dr. Abiy Ahimad dura taa’aa ADWUI ta’anii filatamuun yeroo dhaga’ame irraa eegalee, xiyyeeffannoo guddoo miidiyaalee addunyaa fi qaamolee garaa garaa biratti uumeera.

Manni Maree Addichaa walga’iisaa Bitootessa 11 bara 2010 jalqabeen, gaaffii gadi lakkisuu dura taa’ummaa Addichaaf muummicha miniseerummaa Obbo Haayilemaariyaam Dessaalenyi dhiyeessanii turan fudhachuun, dura taa’aa Addichaa Dooktor Abiyyi Ahimad godhee yoo filatu, ittaanaa dura taa’aa addichaa ammoo Obbo Dammaqaa Mokonnin akka itti fufan murteesseera. Filatamuun Dooktor Abiyi Ahimad guutuu biyyatti fii miidiyaalee adunyaa beekkamoo birattiis ijoo dubbii taheera. Haaluma kanaan, ...

Read More »

Presedaantiin bulchinsa naannoo Oromiyaa obboo Lammaa Magarsaa dhaabbanni DH.D.U.O.(OPDO)’n carraa sirna Federaalaa bulchuu argachuu ibsan.

Mana maree ADWUI keessati Dr. Abiyi Ahimad dura taa’aa ADWUI ta’anii filatamuun haala maree cimaa fii dimokraatawaa taheen akka ture Obboo Lammaan gaafii fii debi’i TV OBN waliin geggeesaniin ibsaniiru. Hoogganaan biiroo kominikeeshinii bulchinsa naannooo Amaaraa Oboo Nugusuu Xilaahun akka ibsanitti, Dr. Abiyi Ahimad dura taa’aa ADWUI ta’anii filatamuuf dhaabbanni BIAADIN ga’ee guddoo akka hojjatanii turan ibsuun isaanii kan yaadatamuudha. ...

Read More »

Hidhamtoonni Torbee sadii dura osoo hujii deemaa jiranii qabamanii hidhaman hanga ammaa akka mana murtiitti hin dhihatin himame.

Hoogganaan kominilkeeshiinii biiroo Haqaa Oromiyaa Obboo Taayyee Dandaa’aa torbee sadii dura isaanii gara mana hojii isaanii deemaa jiranii humana loltootaan qabamanii mana giddu gala qorannoo(Maa’ikalaawii) jedhamutti hidhamaniiru. Erga guyyaa hidhamnii sababaa ittii hidhamaniif waan tokkollee akka itii himaa hin jirree fii akka mana murtiitti hin dhiheessin maatiin isaanii miidiyaaleef dubbataniiru. Akkasumaas, Poolisiin Federaalaa himannaan barreessaa fi xinxalaa siyaasaa barsiisaa Siyyum ...

Read More »