Presedaantiin bulchinsa naannoo Oromiyaa obboo Lammaa Magarsaa dhaabbanni DH.D.U.O.(OPDO)’n carraa sirna Federaalaa bulchuu argachuu ibsan.

Mana maree ADWUI keessati Dr. Abiyi Ahimad dura taa’aa ADWUI ta’anii filatamuun haala maree cimaa fii dimokraatawaa taheen akka ture Obboo Lammaan gaafii fii debi’i TV OBN waliin geggeesaniin ibsaniiru.
Hoogganaan biiroo kominikeeshinii bulchinsa naannooo Amaaraa Oboo Nugusuu Xilaahun akka ibsanitti, Dr. Abiyi Ahimad dura taa’aa ADWUI ta’anii filatamuuf dhaabbanni BIAADIN ga’ee guddoo akka hojjatanii turan ibsuun isaanii kan yaadatamuudha.
Obboo lammaa Magarsaa dhaabbanni DH. D.U.O. carraa bulchinsa Federaalaa argachuu ibsaniis obboo Shifarraa Shugguxee immoo, kan moohe namoota odoo hin ta’in dhaaba ADWUI tahuu gaazeexeesitootaaf ibsaniiru.
Dura taa’aan dhaaba bilisa baasaa Tigraay Dr. Dabratsiyoon gama isaaniin akka ibsanitti filannoon kan namoota odoo hin ta’in kan walii wajjiin irratti wal-mariisifnu jechuun isaanii kan yaadatamuudha.
Obboo Lammaa Magarsaa hojiin ulfaataan fuula dura isaanii akka jiruu eeruun, hojimaata fuula duraa murannoo fii wareegama barbaachisuuf akka qophii ta’anii jiran OBNf ibsaniiru.