Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Mariif Fedhii Agarsiisuu Yunaaytid Isteets Mirkaneeffachuun beekame

Wayita hoggantoonni biyyoota lamaanii wal arganitti, egeree nukileera ishee ilaalchisuun marii gochuuf Kooriyaan Kaabaa waadaa seenteetti jechuun qoondaalli Ameerikaa dubbatan.

Kooriyaan Kaabaa, baatii darbe keessa waa’ee walga’ii kanaa eega dhiheessitee booda, hoogganaan biyyattii – Kim Jong Un kallattiidhaan prezidaant Traamp wajjin walga’uuf fedhii qabaachuu mallattoo qabatamaa agarsiisuun kun kan jalqabaa ti.
Qophiin walgahii kanaas kallattiin iccitiidhaan Kooriyaa Kaabaa waliin haasa’uus akka dabalatu, maddi bulchiinsa Tiraamp dubbataniiru.
Qondaaltonni nageenyaa Ameerikaafi Kooriyaa Kaabaa biyya sadaffaa keessatti yeroo hedduu walarguun marii gochaa akka turan ni dubbatama.

Walgahiin hin yaadamin kunis yeroo jalqabaaf Caamsaa keessa geggeefamuuf beellamameera.
Kooriyaan Kaabaa waa’ee nukileera hambisuu mari’achuuf qophi akka taate Kooriyaa Kibbaatti himtee turte.

Ha ta’u malee dhimma kana ilaalchisee Washingitaniif waadaa yeroo galtu kun yeroo jalqabaaf ta’uun beekameera.

Traamp, baatii Caamsaa dura, Kim Jong Un wajjiin walga’uu akka fedhan dubbatanii turan.
Garuu, ajandaa fi iddoo marii isaanii dabalee waa’een marii hoogganoota lameenii waan bal’inaan ibsame hin jiru.
Aangawoonni Yunaayitid Iseets akka jedhanitti, aangawoota Waashingtonii fi kan Piyoong-yaang gidduu wal-quunnamtiin iccitiidhaan deemaa jiru jira.