Mumichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahmad Ebla 7 bara 2018 aangawoota federaalaa fi kan bulchiinsa naannoo waliin magaalaa guddoo bulchiinsa naannoo Somaalee Jigjigaa dhaqanii ti turan.

DR. Abiy Ahimed aanaalee daangaa oromiyaa bulchiinsa naannoo somaalee keessatti walitti bu’iinsa uumameefi badii inni dhaqqabsiise xumura itti gochuuf, itti aanaa mumicha ministeeraa Obbo Dammaqee mokonniin, perezedaantii oromiyaa obbo lammaa Magarsaa, aanga’oota federaalaaf kanneen bulchiinsa naannoo biroo waliin gara jijjigaa dhaqaniiti turan.
Marii magaalaa Jigjigaatti hawaasaafi aanga’oota naannoo Somaalee waliin taassifame kanarrattis, Dr. Abiy konfiransiin nageenyaa hawaasa Oromoo fi Somaalee gidduutti eegalamuu akka qabu dubbatan.
Guutuu Gabaasaa tana Galaaneen akka naan qindeeysite!!Sagalee!!
Marii kanarrattis pireezidaantonni naannoolee lamaanii Pirezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo lammaa Magarsaa fi kan Somaalee, Abdii Mohaammad Umar, lammiilee naannolee lamaanirraa buqqa’an qe’eesaaniitti akka deebi’aniif kan hojjetan ta’us ibsaniiru.

Rakkoo kana xumura akka argatu gochuuf keessumaa kanneen qe’ee isaaniirraa buqqa’an gama lachuutii iddoo duriitti deebisanii dhaabuuf akka hojjetan waadaa seenan.
Dr. Abiy Ahimad Gosoonni lameen jaalalaan waliin jiraachaa akka turan ibsuun, hunda caalaa namoonni gama lameenii jireenya isaanii irraa buqqa’an hunda keenyaaf madaa, gocha lammaffaa dhaga’uu hin barbaanne ta’uu amanuu qabna jedhan.

walitti bu’iinsa daangaa kanaan uummanni Miliyoona tokko caalu manaa fi qe’ee isaanii irraa buqqa’uufi hedduunis ajjeefamaniiru .
Uummata gama lameen irraa jireenya isaanii irraa buqqa’an debisanii dhaabuu fi nagaa buusuu irratti kan fulleefate mariin kun, kanas fixaan baasuuf mootummaan Federaalaa bulchiinsa naannoo lamaanii wajjin kan hojjatu ta’uun ibsamee jira.

Ha ta’u malee buqqaatonni ”Hanga haalli jiru furamutti deebi’uuf sodaa qaban dubbachuun, Haalli duraan ittiin baane wayita ilaalamu, sodaa baay’ee nutti uuma,” jechuun buqqaatonni BBC’f himanii jiru.

Kana malees achi deebi’uu keenyaan dura hawaasni lameen kun maaliif walitti bu’uu akka danda’an adda baasuu akka qabaniifi namoota madda rakkoo kanaa ta’uun, uummata lamaan walitti buusan jedhamanii shakkaman seera fuulduratti hin dhiyaatan taanaan, gara fuulduraattillee nageenyi amansiisaan ni bu’a jedhamee hin yaadamu jechuun namoonni naannoo somaaleetii buqqa’an yaada isaanii ibsanii jiru.
Hawaasni gama lamaaniinuu jiran qabeenyisaanii manca’ee, lubbuun namoota hedduus darbeera,’ waan ta’eef haqatu dursa dhufuu qaba jedhan buqqaatonni.
Kanaafuu qabeenyi keenya isaanii saamame yoo isaaniif deebi’e, deebi’uuf qophii ta’uu ibsuun, Kana tahuu baannaan garuu, deebi’uuf fedhii akka hin qabaanne odeeffannoon buqqaatota naannoo somaalee iraa arganne ni mirkaneessa.