Israa’el karoora godaantota biyyoota Lixaatti erguuf waligalte yeroof akka dhaabde beekame

Ministeerri muummee Israa’el Beniyaamin Netaaniyaahu waliigaltee ejensii godaantota Biyyoota Gamtoomanii waliin qaban yeroof addaan akka kutan ibsan.
Akka waliigaltee kanaatti Israa’el godaantota Afrikaa biyyoota Lixaatti erguuf qixuma sanaan immoo kaan biyyattii keessa akka jiraatan eyyamuuf turuun ishee beekame.
Gama kaaniin, dubbi himaan ejensii godaantota Mootummoota Gamtoomani BBC’tti akka dubbatanitti dhimma kana irratti mootummaa Israa’el biraa yaadni isaanitti dhiyaate hin jiru.
Waliigaltichi akka raawwate erga dubbatani booda karooricha suuta ilaaluu qabna jedhan.
Akka dubbii isaaniitti taanaan jiraattota Kibba Tel Aviv bakka godaantonni hedduu jiraatan waliin mari’atu.
Yaadi isaanii kaasan kunis miseensotuma paartii isaanii keessaa mormi itti kaasuun hubatameera.
Akka waligaltee ejansii baqattoota Mootummoota Gamtoomani (UN) waliin taassisaniin godaantonni Afrikaa seeraan ala gara Israa’el seenanii fi koolu galtummaa fedhan 16,250 ta’an biyyoota Lixaatti akka qubsifaman beekame. Akka Netaaniyaahu jedhanitti taanaan biyyoonni namooni kun itti qubsiifaman Jarman, Xaaliyaanii fi Kaanaadaa faa ta’uun beekame.
Nama Israa’elitti godaanee biyyoota Lixaatti akka qubatu ta’e tokkoof nama biraa Israa’el jiruuf ‘yeroof akka jiraatan’ ni eyyamti jechuun gaafa Wixataa ibsa kennanii turan.
Israa’el isa dura godaantota dhiiraa yoo fedhii biyyaa bahuu dhaban gara biyyoota sadaffaa isaan simachuu dandeessutti akka ergan himanii turan.
Haa ta’u malee, manni murtii olaanaa biyyattii murtii kana dhorkeera.
Biyyoonni itti ergamanis Ugaandaa ykn Ruwaandaa ta’uu danda’a jedhamaa ture.
Beniyaamin Netaaniyaahu Yaada feesbuukii irratti barreessanin akka jedhanitti waliigalteen duraa Ruwaandaafi ugaandaatti erguuf jedhame Ruwaandaan waan diddeef hafuu hubachiisan.