Godina harargee lixaa aanaa gumbii bordoddee ardaa dirree qaalluutti humni addaa poolisii naannoo sumaalee uummata nagaa irratti lola geggeessaa jiraachuun dhaga’ame.

Humni poolisii addaa naannooo sumaalee hawaasa nagaarratti dhukaasa banuu ammas itti fufee jira.
Ebla 1 bara 2018 godina harargee lixaa aanaa gumbii bordoddee ardaa dirree qaalluu bakka haxaawwe jedhamutti humni addaa poolisiii naannoo sumaalee abdii illeen bobbaase rasaasa uummata nagaa irratti banuu odeeffannoon achii arganne ni mul’isa . Guutuu Gabaasaa Galaaneen akkanaan qopheeysite! Sagalee!
Lola kanaanis tarkaanfii jiraattonni ofirraa ittisuun fudhataniin poolisii naannoo sumaalee irraa tokko du’uun tokkommoo akka madaa’e jiraattonni naannoo Sanaa beeksisan.

Humni addaa naannoo sumaalee kun lubbuu nama hedduu galaafachuuf karoorfatanii akka dhukaasa bananis himame.

karaa tokkoon araara buufna jedhanii naannoo sumaalee irraa maanguddoonniifi qaamonni mootummaa ergamuun magaalaa mi’eessoo tti walgahii jedhanii uummata oliif gadi dhahaa osoo jiranii gama biroon humni addaa poolisii naannoo sumaalee uummata nagaa irratti dhukaasa banuun maaltu akka hojjetamaa jiru nama wallaalchisa jechuun jiraarronni naannoo Sanaa dubbatan.

Ha ta’uyyuu malee jiraattonni aanaa gumbii bordoddee tokkummaan humnoota addaa poolisii naannoo sumaalee dura dhaaabbachuun gocha hamaa isaan karoorfatan jelaa fashaleessan.

Kana malees lola kana raayyaa ittisa mootummaa Itiyoophoyaatu gargar deebise jechuun Oduun qaamota mootummaatiin odeeffamu soba ta’uu fi humnoonni mootummaa Itiyoophiyaa erga jiraattonni naannichaa of oolchuuf tarkaanfii of irraa ittisuu fudhataniin waraana sumaalee irraa nama tokko ajjeesanii tokko madeessanii booda raayyaan ittisaa dhufee hawaasa nagaa doorsisuu akka jalqabe odooffannoon achii arganne ni mirkaneessa