Dr. Abiy Ahimad Ministeera mummee Itoophiyaa ta’uun mana maree bakka bu’oota uummataatiin erga raggaasifaman Amerikaa dabalatee biyyiti gara garaa ergaa gammchuu dhaaman.

Embaasiin Ameerikaa magaalaa Finfinnee ibsa baasaniin Dr. Abiy Ahimad Ministeera mummee Itoophiyaa ta’uun mana maree bakka bu’oota uummataatiin erga muudaman gammachuu itti dhagahame dhaamaniiru. Ibsa kana irratti jijjiirama dimookiraasii fi diinagdee mootummaan saffisaan akka raawwattuuf jecha akka deeggaran ibsuun, akkasumaas Labsii Yeroo Muddamaa hattamaan akka kaafamu waaminsa dhiheessaniiru.
Presedaantiin Keenyaa Uhuruu Keniyaattaa fi dura taa’aan Koomishiinnii Gamtaa Afrikaa obboo Muussaa Faqii akkasumaas Presedaantiin Soomaalee Muhammada Abdullaahi Formaajoo muudamuu Dr. Abyi Ahimadiif gammachuu itti dhagahame ibsaniiru.
Presedaantiin Soomaalee Laandii fii ministeerri dhimma alaa Ingliziis gammachuu itti dhagahame erganiiru.
Abboottiin gadaafi jiraattonni biyyaa baayyeeniis ayyaana dabarsii aangoo muummeee ministeeraa irratti aragaman guyyaan kun guyyaa Odaan jigdee ture itti dhaabbate jechuun gammachuu itti dhagahame miiraa guutuun ibsataniiru.
Presedaantiin Naannoo Omromiyaa obboo Lammaa Magarsaa dhimma angoo wal-irraa fuudhuu ilaalchisee “Ummanni Oromoo carraa seenaa keessaatti hawwuu malee arganne hin beekne amma arganne, kana milkeessuuf xiiqii kutannoofi itti gaafatamummaa olaanaan cimne hojjachuun nurraa eegama. Kanaaf gammachuun keenya dachadha akkumma ta`etti immoo ba`aafi itti gaafatamummaan keenyas dachadha.” Jedhuun ibsa TV OBN irratti kennaniiru.
Dabarsii aangoo muummee ministirummaa kanaaf afeerraa irbaataa qophaawe irratti dura taa’aan Koomiishinii Gamtaa Afrikaa, ministeeroonni, hoggansi paartilee morkattootaa, miseensonni mana maree, diippiloomaatonnii fi keessummoonni affeerraman 1500 ol ta’an argamuun gabaafameera.