Author Archives: Central

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiinerri Olaanaan Komishinii mirga Namoomaa, Zayid Ra’aad Al-Hussein Itiyoophiyaa akka daawwatan beekame .

Komishiinerichi daawwannaa Itiyoophiyaatti taasisaa jiraniin, Ministira Muummee Dr Abiy Ahimad dabalatee, qaamolee garaa garaa waliin mari’achuun isaanii beekameera. maricha kana irrattis Mootummoonni Afriikaa kabaja mirgoota lammiilee isaaniif xiyyeeffannoo kennuu akka qaban cimsanii hubachiisan. Kabajni mirga Namoomaa dhimma yeroon itti kennamee itti yaadnu, kan erga guddanneen booda ijaarrannu ta’uu hin qabu jechuun Zayid Ra’aad Al-Hussein dubbataniiru. Biyyoonni ajandaa misoomaa kamiyyuu dura ...

Read More »

Hojjatoonni hojii gargaarsaa irratti bobba’an 10 biyya Suudaan Kibbaa keessatti achi buuteen isaanii dhabame.

Al’eeyni Nowdeehoo itti gaafatamaan damee gargaarsa mootummaa gamtoomanii Suudaan Kibbaa akka miidiyaaleef ibsanitti, hojjattoonni mootummaa gamtoomanii fii kanneen biroos konkolaatotan odoo gara magaalaa Toor jedhamtu guyyaa Roobii kaleessaa imalanuu achi buuteen isaanii dhabamuu ibsuun baayyee yaaddoo keesa galuu isaanii dubbataniiru. Hanga gabaasaan tun ibsametti iddoon hojjattoonni ga’an akka hin baramin gaazeexaan Rooytars magaala Jubbaa irraa gabaaseera. Wal-dhabbii Presedaanti Saalvaa keeri ...

Read More »

Lammiin Itoophiyaa gargaarsa midhaan nyaataa hatattamaa barbaadan miliyoona 8 ga’uun himame.

Dhaabbanni gargaarsa nyaataa adunyaa akka ibsanitti, bara 2018 kana keessa lammiin Itoophiyaa warri gargaarasa midhaan nyaataa hattamaa barbaadanii miliyoona 7.9 ta’uu ibsaniiru. Gargaarsa midhaaniin alaa yoggaa itti dabalame walii gala lammiileen gargaarsa barbaadan miliyoona 16 akka ga’an himaniiru. Jiraattota gargaarsa barbaachisu tajaajiluuf hanga ji’a birraa dhufuu ti horiin doolaara Ameerikaa miliyoona 218 akka barbaachisu beeksisaniiru. Hanga ammaa horiin dhaabbatoota tola ...

Read More »

Mormiin Bulchinsa Naannoo Soomaaleeti dhooye jabaatee itti fufaa jira.

Mormiin bulchinsa naannoo soomaalee magaalaa Shinniilee ti jal’qabame guutuu bulchinsaa keessa babal’achuun godinaalee gara garaa keessatti itti fufaa jira. Sababaa mormiin kan ka’e magaalaan Shinniilee guutumaan guututti human rayyaa ittisa biyyaa kan presedaantii naannoo Soomaalee Abdi Illee dhaan kallattiin ajajamuun dhunfatameera. Presedaantiin bulchinsa naannoo Soomaalee Komaand Poostiin poolisoota naannoo bakka bu’uun akka magaalaa bulchaa jiran ifaan ifatti dubbataniiru. Mormii guyyoota ...

Read More »

Labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun Dararaa fi hidhaan humnoota mootummaa Itiyoophiyaan jiraattota irratti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufe .

Erga labsiin yeroo muddamaa marsaa lammaffaa labsamee as qofa lubbuun namootaa darbuu, namoota hedduu irra miidhaan gara garaa qaqqabuu fi hidhaan oromiyaa bakkeewwan gara garaatti cimee itti fufee jira. Humnoonni Komaand-poostii Godina Baalee Aanaa Gaasaraa magaalaa Dambalitti dargaggoota adamsanii hidhuun reebicha hamaa irratti gaggeessaa jiraachuun gabaafame. Aanaa Gaasaraa magaalaa Danbal keessaa halkan Sanbataa qofa qeerroowwan 50 oli hidhamuun dararamaa akka ...

Read More »

Magaalota bulchinsa naannoo amaaraa keessa hanqinni boba’aa jiraachuun himame.

Sababaan hanqina boba’aa maal akka ta’e baramuu dhiisuus, magaalaa Baahir Daar, Warataa, Goondar, Dabra Taaboor, Waldaya, Dabara Maarqoosi fi kanneen biroos dabalatee hanqinni boba’aa cimaan jiraachuun himameera. Akka oduun ESAT ga’etti, iddoo buufata boba’aan ni jira ja’ame ti hiriirri dheeraan Taaksii fii Baajaajii akka jiru ibsaniiru. Guyyaa ar’aa magaalaa Baahir Daar bakkee buufata boba’aa kan Hoteela Paappiraasii cinaa jiru boba’aatu ...

Read More »

Barattoonni mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Amboo kan qophaa’inaa guyyaa kaleessaa mooraa mana barnootaa keessatti erga wal gahanii booda gara alaatti bahuun sagalee mormii dhageessisaa oolan.

Sababni mormii barattoonni dhageessisaa turanii tokkoffaan labsiin yeroo muddamaa ha ka’u, seeraan ala ijoolleen komaandi poostiidhaan hidhaman haa hiikaman, hamma tokko hiikaa kaan immoo hidhuun haa dhaabbatu kanneen jedhan turan. Mootummaan bakka adda addaa daawwachuu irra darbee hojiitti haa seenu kan jedhuufi moyaaleerratti dhohiinsa mudate dabalatee mormiilee adda addaa dhageessisaa turan. Barattoota hiriira bahan kunneen mooraa mana barumsaa keessaa gara ...

Read More »

Dhimmoota afriikaaf Aangawaa sadarkaa olaanaa ameerikaa kan ta’an Donald yamaamatoon torban tokkoof biyyoota baha Afriikaa sadii daw’achuuf akka jiran beekame.

Donald Yamaamatoon Torban tokkoof biyyoota baha Afrikaa sadii daaw’achuuf jiru. Haaluma kanaan Dilbata darbe Asmaraa seenuu isaanii ministriin dantaa alaa Amerikaa beeksisee jira. Dhimmootii Afrikaaf itti aanaa ministeeraa kan ta’an aangawaan kun guyyaa sadiif dawannaa hojii Ertraa keessatti geggeessaniin aangawoota Ertraa waliin dubbachuuf, hawaasa Diploomaatotaa wajjin wal arguuf akkasumas, hojjattoota Imbaasii Ameerikaa kanneen Asmaraa keessa jiran daaw’achuuf kan jiran ta’uu ...

Read More »

Ministeerri Muummee kaaabinee ijaarrachuuf muudama ministeerota 16 filanii mana mareef dhiyeessaan manni maree raggaassise.

Mumichi ministeeraa DR.Abiy Ahimed kaabineesaanii yeroo dhiyeessan akka dubbatanitti Rakkoon Dandeettii Raawwachiisummaa hoggansa biratti mul’atu, miirri tajaajiltummaa dhibuu fi Malaammaltummaan rakkoolee biyyattii mudataniif sababoota ijoodha jechuun hudhaalee hawaasa biyyattii madda komii ta’an kanneen hambisuuf Kaabineen bifa haaraan hundeeffatan miira itti gaafatamummaa olaanaan akka hojjetan abdii qaban ibsaniiru. Hoggantoonni haaraa filaman kun rakkoolee ijoo amma sadarkaa yaaddessaarra ga’an kanaaf furmaata ta’uu ...

Read More »

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Angawoota Haaraa 23 guyyaa kaleessaa akka muude beeksise.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa haaromsa jalqabame ciminaan itti fufsiisuu kan dandeessisu jedhame hoggantoota haaraa muuduun sochii haaromsaa eegale cimsee itti fufuun fayyadamummaa uummata naannoo boqonnaa haaraatti ceessisuuf qabsoo eegale cimsee itti fufuu isaa beeksise. Muudamni hoggantoota haarawaa Naannoo Oromiyaatti ta’e kun rakkoo bulchiinsa gaarii furuuf, tajaajila gaarii kennuuf, sadarkaa federaalaatti gahee qabaachuuf, akkasumas dubartootaafi dargaggoota gara aangootti fiduuf xiyyeeffannaan kan hojjetameedha ...

Read More »