Hidhamtoonni Torbee sadii dura osoo hujii deemaa jiranii qabamanii hidhaman hanga ammaa akka mana murtiitti hin dhihatin himame.

Hoogganaan kominilkeeshiinii biiroo Haqaa Oromiyaa Obboo Taayyee Dandaa’aa torbee sadii dura isaanii gara mana hojii isaanii deemaa jiranii humana loltootaan qabamanii mana giddu gala qorannoo(Maa’ikalaawii) jedhamutti hidhamaniiru.
Erga guyyaa hidhamnii sababaa ittii hidhamaniif waan tokkollee akka itii himaa hin jirree fii akka mana murtiitti hin dhiheessin maatiin isaanii miidiyaaleef dubbataniiru.

Akkasumaas, Poolisiin Federaalaa himannaan barreessaa fi xinxalaa siyaasaa barsiisaa Siyyum Tashoomee mana murtii idleetti akka hin ilaalamne gochuun dhimmi isaa mana murtii Koomaand Poostiin hundeeffamutti kan ilaalamu akka ta’e ibsameera.
Sababaa Labsii Yeroo Muddamaan bulchinsa naannoo Oromiyaa fii naannoo amaaraatti hidhaa fii dararaan cimee itti fufeera
Bifuma kanaan, dhuma torbee darbee keessa magaalaa Baahiirdaariifi Finfinneetti kan hidhaman, namoonni siyaasaa, gaazexeessitooti, mirga namoomaaf kan falamanii fi beektoonni 30 ta’an hanga yoonaa mana murtiitti akka hin dhihaatin maatiif firoonni isaanii BBC’tti dubbataniiru.
Hidhamtoonni kun, labsii yeroo hatattamaa amma hojiirra jiru bifa falleessuun hayyama malee walgahii gootaniittu jedhamuun hidhamuu akka hin oolle himameera.
Oromiyaa godinaalee gara garaa keessatti manneen irra deemuun daragaggoota adamsaa jiraachuun bal’inaan itti fufeera.
Guyyaa kaleessaa magaalaa Godinaa Gujii magaalaa Shaakkisootti namoota hedduu hidhaniiru. Godinaa arsii Gololchattiis namoonni 12 oli hidhamuun dhagameera.
Magaalaa Burraayyuufii naannoo isheetti galgala keessa manneen jireenyya irra deemuun namoota walitti qabanii hidhaa jiru.
Walumaa galatti Oromiyaa godinaalee gara garaa keessatti LYM sababeeffachuun hidhaafii dararaan cimee itti fufeera.