Dr. Abiy Ahimad dura taa’aa ADWUI ta’anii filatamuun yeroo dhaga’ame irraa eegalee, xiyyeeffannoo guddoo miidiyaalee addunyaa fi qaamolee garaa garaa biratti uumeera.

Manni Maree Addichaa walga’iisaa Bitootessa 11 bara 2010 jalqabeen, gaaffii gadi lakkisuu dura taa’ummaa Addichaaf muummicha miniseerummaa Obbo Haayilemaariyaam Dessaalenyi dhiyeessanii turan fudhachuun, dura taa’aa Addichaa Dooktor Abiyyi Ahimad godhee yoo filatu, ittaanaa dura taa’aa addichaa ammoo Obbo Dammaqaa Mokonnin akka itti fufan murteesseera.
Filatamuun Dooktor Abiyi Ahimad guutuu biyyatti fii miidiyaalee adunyaa beekkamoo birattiis ijoo dubbii taheera.
Haaluma kanaan, Dhaabni mirgoota namaaf falmu Amnesty International Ministira Muummee Itiyoophiyaa haaraa ta’uuf gara aangootti dhufaa jiran Dr Abiy Ahimed, Qabiinsa Mirgoota dhala namaan wal qabatee rakkoo hamaa biyyattii keessatti hidda gadi fageeffateef akka dursa kennuu qabuu dhaamaniiru.
Bifuma wal-fakkaatuun, Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa fi gargaaraan dame Afrikaa durii Herman Koohin Dooktor Abiyyi Ahimad jijjiirama bu’uraa akka taasisan waamicha dhiheessaniiru.
Lammiileen biyya Itoophiyaa filatamuu Dooktor Abiyi Ahimad bifa gara garaan yaada irratti kenachaa jirachuun barameera.
Dooktor Abiyi , Bulchiinsa Sirna Abbaa irrummaa biyyattii keessatti dagaagaa jiruuf furmaata fidanii, gaaffii uummanni biyyattii baroota dhiiraaf kaasaa tureef deebii kennuu danda’uu? gaaffiin jedhus hedduu biratti mata duree marii ta’eera.
Namoonni gariin Dr. Abiyyi filatamuu jechuun rakkoo qeerroon Oromoo fii,ummatni Oromoo gaafachaa lubbuu itti dhabaa bahe guutumaan guututti deebiii akka hin kenninetti dubbataniiru.
Erga Labsiin Yeroo Muddama labsamee as Itiyoophiyaa keessatti sarbamiinsi mirgoota dhala namaa sadarkaa olaanaan raawwatamaa jiraachuu ibsuun, yakkoota labsii kana bu’uura godhachuun raawwatamaa jiran keessaas, ajjeechaa suukanneessaa waraanni sirnichaa Magaalaa Moyyaaleetti lammiilee nagaa irratti raawwate adda durummaan gabaafameera.

Ajjeechaa Moyyaaleetti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefamanii hedduunis madaa’uu namoonni kuma 15 oli ta’an qe’ee jireenyaa isaanii gadi dhiisanii, daangaa ciihuun gara biyya keeniyaatti baqataniiru.