Biyyiti Itoophiyaa, Ijiptii fii Suudaan Ijaaramuu laga Abbayyaa irratti mari’achuuf guyyaa Roobii boruu magaalaa Kaartuum itti wal-ga’uun barame.

Wal-ga’ii guyyaa boruu magaalaa Kaartuum ti geggeefamtu irratti ministeeronni dhimma alaa, ministeeroonni Bishaanii fii hooggantoonni nageenyaa akka irraa hirmaatan ibsameera.
Wal-ga’iin ji’a bitootessaf karoorfamee ture sababii Muummeen Ministeera durii Haylamaariyaam Dassaalany jerjertiin angoo gadi dhiisaniif jecha gaaffii biyyiti Itoophiyaa dhiheessiteen akka dheeratee ture Gaazeexaan Ijibtii Al-Ahraam jedhamu gabaaseera.
Biyyiti sadeen gaafa ji’a Sadaasaa darbee magaalaa Kaayroo ti wal-ga’anii qorannoo kubbaaniyaa Faransaawii ilaalanii dhugoomsuuf akka ture gabaafameera.
Kubbaaniyaan Faransaawii rakkoolee diinagdee ijaarsi laga Abbayyaa biyyoota bishaan laga abbayaa tti fayyadamnirra geessisu akka qoratuuf akka hojjatan barameera.
Qorannoo Kubbaaniyaa kana ilaalanii dhugoomsuuf biyyiti sadeen irratti waliigaluu dadhabuun kan ka’e wal-ga’iin biro akka qophooftu taasifameera.
Bifa kanaan wal-qabateen, guyyaa Roobii boru magaalaa Kaartuum ti wal-ga’iin jalqabamtu dursee qorannoo Kubbaaniyaa Faransaawiif dursanii irratti mari’atanii murteessan akka ta’e dubbataan ministeera dhimma alaa Ijiptii Ahimad Abu Zaayid midiyaaleef gara garaaf ibsaniiru.