Mootummaan Naannoo Oromiyaa Angawoota Haaraa 23 guyyaa kaleessaa akka muude beeksise.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa haaromsa jalqabame ciminaan itti fufsiisuu kan dandeessisu jedhame hoggantoota haaraa muuduun sochii haaromsaa eegale cimsee itti fufuun fayyadamummaa uummata naannoo boqonnaa haaraatti ceessisuuf qabsoo eegale cimsee itti fufuu isaa beeksise.
Muudamni hoggantoota haarawaa Naannoo Oromiyaatti ta’e kun rakkoo bulchiinsa gaarii furuuf, tajaajila gaarii kennuuf, sadarkaa federaalaatti gahee qabaachuuf, akkasumas dubartootaafi dargaggoota gara aangootti fiduuf xiyyeeffannaan kan hojjetameedha .
Akka Yaada hawaasa tokko tokkoo irraa hubatamutti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa dubartoota gara aangootti fiduun gaarii ta’uufi waan barbaadamuudhas jedhan.

Muudamni kun gaggeessitoota sadarkaa mootummaa naannoofi federaalaatti walitti fiduun kan gurmaa’eedha.
Muudamni taassifame kun fayyadamummaa uummata naannichaa boqonnaa haaraatti ceessisuuf qabsoo eegalame itti fufsiisuuf jedhameera.
Haala yeroo ammaa Oromiyaa keessa jiru yaada keessa galchuun ramaddiin hoggansaa gaggeeffame dhimmoota gurguddoo sadii xiyyeeffannoo keessa galchee kan raawwaatameedha .
Dhimmoonni kunneenis; dandeettii raawwachiisummaa mootummaa cimsuudhaan rakkoo bulchiinsa gaariifi kenniinsa tajaajilaa hiikuu, sadarkaa federaalaatti gahee hoggansaa gahumsa ol’aanaadhaan bahahuuf hoggansa Mootummaa Federalaatiif gumaachuufi hirmaannaa dubartootni, dargaggootniifi hayyootni hoggansa keessatti qaban cimsuudha.