Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiinerri Olaanaan Komishinii mirga Namoomaa, Zayid Ra’aad Al-Hussein Itiyoophiyaa akka daawwatan beekame .

Komishiinerichi daawwannaa Itiyoophiyaatti taasisaa jiraniin, Ministira Muummee Dr Abiy Ahimad dabalatee, qaamolee garaa garaa waliin mari’achuun isaanii beekameera.

maricha kana irrattis Mootummoonni Afriikaa kabaja mirgoota lammiilee isaaniif xiyyeeffannoo kennuu akka qaban cimsanii hubachiisan.
Kabajni mirga Namoomaa dhimma yeroon itti kennamee itti yaadnu, kan erga guddanneen booda ijaarrannu ta’uu hin qabu jechuun Zayid Ra’aad Al-Hussein dubbataniiru.

Biyyoonni ajandaa misoomaa kamiyyuu dura kabajamuu mirgoota dhala namaaf dursa kennuu akka qabanis hubachiisan.

Mirgoonni guddinaaf bu’uura, Nageenyas kan mirkaneeffannu yoo mirgoota lammiilee kabajneedha jedhan.

Gamtaan Afriikaa walabummaa fi ga’ee dhaabbilee kabajamuu mirga lammiilee Afriikaaf dhaabbatanii cimsuu fi deeggaruu irratti fuulleffachuu akka qabuufis hubachiisaniiru.

Komishinerri Olaanaan Komishinii Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Zayid Ra’aaf Al-Hussein daawwannaa isaanii kanaan, kanneen dhiheenya mana hidhaatii hiikaman, Abbootii Gadaa, maanguddoota biyyaa, qeeqxota mootummaa, hoogganoota mormitootaa, gaazzexeessotaa fi falmitoota mirga dhala namaa waliin marii geggeessanii jiru.

Labsii Yeroo Muddamaan wal qabatee rakkoon biyyattii keessatti mudataa jirus dhimma irratti mari’atame ta’uun beekame.

Rakkoolee biyyattii isaan ijoo ta’an irratti mari’achuu isaaniis ibsaniiru.

Kan guyyoota sadiif Itiyoophiyaa keessa turan – hoogganaan mirga dhala-namaa ol’aanaan kun, kanaan duras, Aboota Gadaa, Abukaatoolee Seeraa fi Bakka-bu’oota Dhaabbata Mirga dhala-namaa waliin marii geggeessuun isaanii beekamee jira.