Author Archives: Central

Muummichi Ministeeraa Dr. Abiy Ahmad ji’a Hagayya dhufu biyya Ameerikaa daawwachuuf akka jiran oduun Dippilomaatota irraa ba’e ibse.

Ministeera dhimma Alaa Ameerikaati bakka bu’aan dhimma Afrikaa Haarawni erga muudamanii booda, ji’a Hagayya dhufuu Dr. Abiyi Ahmad biyya Ameerikaa daawwachuuf akka qophaa’e oduun dipilomaatota irraa argame mul’seera. Oduun dipilomaatota irraa ba’e akka jedhutti, ministeera dhimma alaa Ameerikaati bakka bu’aan dhimma Afrikaa haarawni muudamuufii, Muummee Ministeeraa Dr. Abiy Ahmad biyya Ameerikaa ti imaluun yeroo tokko ta’un qunnamtii addaa akka hin ...

Read More »

Duula waraanni addaa naannoo Soomaalee Caamsaa 6/2018 magaalaa Mooyyaleetti lola cimaa baneen miidhaan jiraattotarra akka ga’e beekame.

Walitti bu’iinsi kaleessa hawaasaa fi humna naga kabachiistota Naannoo Oromiyaa fi Somaalee gidduutti ta’e kun harras nageenya magaalattii booressee jiraachuu odeeffannoon achii arganne ni mirkaneessa. Hidhattoonni balaa kana qaqqabsiisan kan naannoo Soomalee dhufanis, hidhannaa boombii fi rasaasa ciccimaa akka dhukaasaa turan jiraattonni Mooyyalee dubbatan. Lola kanarratti Diinni meeshaa guddaa fi giddu galeessatti kan dhimma bahe yoo ta’u, duula kanaan Oromoonni ...

Read More »

Mi’a waraana seeraan alaa baayinaan biyya seenaa jiraachuu gareen Komaand poostii ibse.

Gareen Komaand Poostii Labsi Yeroo Muddamaa sababeeffachuun biyya bulchaa jiru magaalaa Moyyaalee ti lola taasifameen jiraattonni baayyeen ajjeefamuu fii madaawuu ibsa baasaniin ibsaniiru. Haa ta’uu garuu, lakkoofsa namoota ajjeefamanii fii madaa’anii ibsuu irraa off qusatanii jiru. BBCn magaalaa Moyyaalee fii hoospitaala Yaabeelloo wabii godhachuun namoonni ajjeefaman 10 oli ta’uu gabaasaniiru. Gareen Komaand Poostii akka ibsanitti, mihni lolaa seeraan ala biyya ...

Read More »

Mormiin Bulchinsa Naannoo Soomaaleeti dhooye guyyaa Jimaata har’aa itti fufaa jira.

Mormiin bulchinsa naannoo soomaalee magaalaa Shinniilee ti jal’qabame guutuu bulchinsaa keessa babal’achuun godinaalee gara garaa keessatti itti fufaa jira. Guyyaa hardhaa Magaalaa Dirre-dhawatti dhalattoonni Somaalee Salaata Jum’aatiin booda mormii dhageessisaa turaniiru. Mormiin bulchinsa naannoo Soomaaleetti cimee itti fufuun guyyaa hardhaa salaata jum’aatiin booda magaalaa Dirrii Dhawaa fii Shinniile tti masjiidota gara garaa ti hiriirri guddaan geggeefameera. Mormiin guyyaa hardhaa Salaata ...

Read More »

Muummeen Ministeera Itiyoophiyaa Dr Abiy Ahmad fi Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa godina baalee daawwatan.

Guyyaa Sambata hardhaa ministiraa muummee fi preezdaant Lammaan jiraattota godinichaa baalee istaadiyamii Roobeetti ummataaf haasaa ni taasisan. Itti aansuunis Dooktar Abiyyii fi obbo Lammaan bakka bu’oota jiraattotaa 850 ta’an waliin dhimmoota siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaarratti mariisisuun kallattii ni kaa’u jedhame eegamaa jiraachuu OBN gabaaseera.. Godinaan Baalee weerara poolisii humna addaa naannoo somaaleen wal qabatee godinaa jeeqomsa ulfaataa keessa jiruudha. Akka ...

Read More »

Mootummaan biyyoota Afrikaa Bahaa gaazexeessitoota akka hojii hin hojjanne dhoorkaa jiraachuu gurmuuleen mirga dhala namoomaa ibsan.

Gurmuuleen mirga dhala namoomaaf falman, ibsa ayyaana guyyaa yaada walabaan ibsuu sababeeffachuun baasaniin mootummaan biyyoota Afrikaa bahaa gaazexeessitoota akka walabaan hojii hin hojjanne rakkisaa, hidhaa, dararaa jirachuu itti cimsuu ibsaniiru. Akka dhaabbileen mirga gaazexeessitiitaaf falaman jedhanitti ganna woggaa darbe adunyaa keesaa gaazexeessitoota 259 akka hidhamanii jiran ibsa irratti hubachiisaniiru. Biyyoota Afrikaa Bahaa Eeritiraa,Suudan,Jibuutii, Somaalee, Itoophiyaa, Taanzaaniyaa fii Keeniyaa fa keessatti ...

Read More »

Biyya Afrikaa Kibbaa tti sa’aa 48 keessatti lammiileen Itoophiyaa 7 ajeefamuun dhaga’ame.

Lammiilee biyya Afrikaa Kibbaa jiraataniif yeroon ammaa kun yeroo gadda cimaa keessa jiraniidha. Torbee lamaan darban kana keessa lubbuun lammiilee Itoophiyaa 9 ajeefamuun lammiilee Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti gadda cimaa keessa galaniiru. Jiraattonni lammii Itoophiyaa otoo Sabboonaan Gazzaahany Gabramasqal Nabroo awwaalanii mana itti hin galin dhalataan Jimmaa sabboonaan Mohammed Said jedhamu ajjeefamuun gadda irraan gadda guddaa uumeera. Kun kanaan ta’ee oyuu ...

Read More »

Mormiin hawaasaa bifa haaraa ta’een godinaalee Oromiyaa bakka gara garaatti itti fufe.

Haaluma Kanaan Guyyaa har’aas Godina Booranaa Aanaa Miyoo Magaalaa Hiddii Lolaatti hiriirri mormii barattootaa fi jiraattota hirmaachise geggeeffamaa ooleera. Kaayyoon hiriirri kun itti geggeeffameef sagaleen hawaasaa dhaga’amee rakkooleen yeroodhaa gara yerootti uummata oromoo irra gahaa jiran xiyyeeffannoo akka argatan gochuu akka ta’es beekameera. Hiriira kana irratti Heyyamni Oomisha Warqee Laga dambii Dhaabbata MIDROC’f haaromfame haqamee Dhaabbatichi gadi lakkisee akka bahuu ...

Read More »

Yunivarsitii Gaambeellaa ti wal-dhabuun barattoota gidduti argame.

Wal-dhabiin hojjettuu Yunivarsitii takkaa fi barataa tokko gedduu uumamaeen jalqabame barattoota baayyee hirmaachisee wal-dhabbiin barattoota giddutti taasifamuun himameera. Yunivarsitii Gaambeellaa ti rakkooleen barattoota giddutti erga uumamuu jalqabee, ji’a tokko darbuun sadarkaa hojiin barachuu fii barsiiuu addaan dhaabbatu ga’eera. Mormii Yunivarsitiilee biyyattii keessatti geggeefamuu bifa adda ta’een barattoonni Yunivarsitii Gaambeellaa yo mormii geggeesan baayyinaan hidhamuun isaanii akka Yunivarsitiin tasgabbiin hojii baromsaa ...

Read More »

Hayyuun qabeenya fi itti fayyadama bishaanii Proofeesar Xaafaa Tulluu du’aan addunyaa kanarraa boqatan.

Proofeesar Xaafaa Tulluu isaanii umrii 61 guyyaa kaleessaa adunyaa tanarraa galaniiru. Proofeesar Xaafaan hanga lubbuun jiranitti Proofeesar Xaafaa Tulluu Hayyuu Yuunvarsiitii Finfinnee, Amboo, Adaamaa, Jarmanitti(Yuunvarsiitii Reestook) barsiisummaarraa hanga sadarkaa hoggansa addaddaatti tajaajiluun seenaa bareedaa dhiifatanii fi Riftvaalii Yuuniversiitittis Vice prezedantii qorannoo fi teknooloojii ammayyaa turaniiru. Akkasumaas, Proofeesar Xaafaa Tulluu Amma du’aan boqatanitti hojjetaa Yuunvarsiitii Finfinnee kan turan yammuu ta’u, kitaabota ...

Read More »