Mormiin Bulchinsa Naannoo Soomaaleeti dhooye jabaatee itti fufaa jira.

Mormiin bulchinsa naannoo soomaalee magaalaa Shinniilee ti jal’qabame guutuu bulchinsaa keessa babal’achuun godinaalee gara garaa keessatti itti fufaa jira.

Sababaa mormiin kan ka’e magaalaan Shinniilee guutumaan guututti human rayyaa ittisa biyyaa kan presedaantii naannoo Soomaalee Abdi Illee dhaan kallattiin ajajamuun dhunfatameera.

Presedaantiin bulchinsa naannoo Soomaalee Komaand Poostiin poolisoota naannoo bakka bu’uun akka magaalaa bulchaa jiran ifaan ifatti dubbataniiru.

Mormii guyyoota muraasa geggeeffameen dargaggoonni manneen hidhaa caphsanii hidhamtoota maneen hidhaa keessaa baasaniiru.

Hooggantoonni waajjiraalee bulchinsaa, mormii dargaggootaa jalaa baqatanii magaalaa Dirree dhawaa ti galuun isaanii himameera.

Mormiin babal’achuun magaalaa guddoo bulchinsaa akka hin qaqqabneef jecha humni poolisii addaa bulchinsa naannoo Soomaalee baayyeen magaalaa jijjigaa keessa eegomsa cimaa taasisaa jiru.

Mormiin godinaa dhagahabor aanaa Gashamoo ti cimuun kan ka’e tajaajilli Intarneeti fii ibsaa addaan citeera.

Presedaantiin bulchinsaa Abdi Mohammada illeey itti aanaa presedaantii bulchinsa naannoo obboo Abdi Haakim Igaal angoo irraa mulqaniiru.

Mormiin guyyaa ar’aa aanaalee Bikkee, Addiggaalaa, Aaishaa ti ciminaan itti fufuun kan ka’e namootni 120 oli ta’an hidhamuun gabaafameera.
Kun kanaan ta’ee odoo jiruu, Presedaantiin Bulchinsa naannoo Soomalee Abdi Illeen kaabinoota isaanii diiguun miseensota Kaabinee 21 ar’uun namoota haarawa bakka buusaniiru.

Mormii bulchinsa naannoo Soomalee kana qabbaneessuuf Janaraalonni TPLF warren daldala Kotrobaandii Presedaantii wajjiin qaban deeggarsa cimaa kennaafii akka jiran himameera.