Ministeerri Muummee kaaabinee ijaarrachuuf muudama ministeerota 16 filanii mana mareef dhiyeessaan manni maree raggaassise.

Mumichi ministeeraa DR.Abiy Ahimed kaabineesaanii yeroo dhiyeessan akka dubbatanitti Rakkoon Dandeettii Raawwachiisummaa hoggansa biratti mul’atu, miirri tajaajiltummaa dhibuu fi Malaammaltummaan rakkoolee biyyattii mudataniif sababoota ijoodha jechuun hudhaalee hawaasa biyyattii madda komii ta’an kanneen hambisuuf Kaabineen bifa haaraan hundeeffatan miira itti gaafatamummaa olaanaan akka hojjetan abdii qaban ibsaniiru.

Hoggantoonni haaraa filaman kun rakkoolee ijoo amma sadarkaa yaaddessaarra ga’an kanaaf furmaata ta’uu danda’u yaada jedhuun filataman.

Ministeerri Muumichaa muudama ministeerotaa haaraa kudhan kan dhiyeeessan yoo ta’u 6 ammoo ministeera duraan turanirraa jijjiiraman.

Namoota mumichi ministeeraa dr Abiy Ahimed dhiyeessan keessaa gahee hojii isaanii wajjin: Obbo Shifarraa Shuguxee: Ministeera Qonnnaafi Qabeenya Beeyladaa, Obbo Siraaj Fageessaa፡ Ministeera Geejjibaa, Dr. Hiruut Waldemaariyaam፡ Ministira Dhimma Hojjetaafi Hawwaasummaa, Ambaasadar Tashoomee Togaa፡ Ministira Dhaabbilee Misooma Mootummaa, Obbo Umar Huseen: Sadarkaa Ministiraatti hogganaa Ol aanaa Abbaa Taayitaa Galiiwwaniifi Gumuruuk, Aadde Huubaa Mohaammed Huseen፡ Ministeera Tekinooloojii Quunnamtiifi Odeeffannoo, Obbo Mootummaa Maqaasaa፡ Ministira Ittisa Biyyaa, Obbo Ahiman Shidee: hogganaa Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Federaalaa, Obbo Jaanxiraar Abbay፡ Ministira Manneeniifi Misooma Magaalaa, Obbo Birhaanuu Tsaggaayee፡ Abbaa alangee Walii Galaa, Aadde Yaalem Tsaggaayee፡ Ministira Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii, Obbo Malaakuu Allebel፡ Ministira Daldalaa, Dr. Amiin Amaan፡ Ministeera Eegumsa Fayyaa ta’uun muudamaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun Mumichi ministeeraa Doktar Abiy Ahimad hoggansa federaalaa 9f muudama laachuu isaanii Manni Maree Ministirootaa beeksiseera.

Kanneen muudaman kunneenis; Aadde Fatlawarq G/igzaabeer; sadarkaa ministiraatti qindeessituu olaantuu Wiirtuu Ijaarsa Sirna Federaalaa,
Aadde Dammituu Hambisaa; hoggantuu Waajjira Muummee Ministiraa fi ministira dhimmoota kaabinee, Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa; ministira gorsaa dhimma nageenya biyyoolessaa muummee ministiraa,
Obbo Ahimad Abbitaw; sadarkaa ministiraatti daayreektara olaanaa Wiirtuu Qorannoo Imaammataa, Obbo Mogas Baalchaa; Waajjira Muummee Ministiraatti sadarkaa ministiraatiin qindeessaa damee qorannoo fi paablikeeshinii Wiirtuu Ijaarsa Sirna Dimokraasii,
Obbo Alamnaw Makkonnoon; sadarkaa ministiraatti preezdaantii Akkadaamii Hoggansaa Mallas Zeenaawwii, Doktar Baqqalaa Bulaadoo; daayreekteera olaanaa Koorporeeshinii Injinariingii Sibiilaa,
Obbo Tamasgeen Xirunah; daayreektara Ejansii Infoormeeshinii fi Nageenyaa, Obbo Yaareed Zarihuun, komishinara janaraala Komishinii Poolisii Federaalaa ta’anii muudamuu fana brodcastiin gabaasee jira.

Muudama guyyaa har’aa taassifameen, Ministiroota muudaman 16 keessaa 10 bifa haaraan gara ministirummaatti kan dhufan yoo ta’u, Ministiroota 6’f immoo iddoon Kan jijjiirame ta’uun beekame.

Gama biroon Manni Marichaa yaa’iisaa har’aatiin Afyaa’ii haaraa filateera. Aadde Mufirihaat Kaamiil miseensota Mana Maree Bakka Buutota Uummataan mormii malee filatamanii Af-yaa’ii duraanii Abbaa Duulaa Gammadaa irraa Aangoo fudhataniiru.