Barattoonni mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Amboo kan qophaa’inaa guyyaa kaleessaa mooraa mana barnootaa keessatti erga wal gahanii booda gara alaatti bahuun sagalee mormii dhageessisaa oolan.

Sababni mormii barattoonni dhageessisaa turanii tokkoffaan labsiin yeroo muddamaa ha ka’u, seeraan ala ijoolleen komaandi poostiidhaan hidhaman haa hiikaman, hamma tokko hiikaa kaan immoo hidhuun haa dhaabbatu kanneen jedhan turan.
Mootummaan bakka adda addaa daawwachuu irra darbee hojiitti haa seenu kan jedhuufi moyaaleerratti dhohiinsa mudate dabalatee mormiilee adda addaa dhageessisaa turan.
Barattoota hiriira bahan kunneen mooraa mana barumsaa keessaa gara alaatti waan bahaniif hawaasni itti makamuun mormii dhageessisaa akka turanis beekameera.
Biyyattiin labsii yeroo muddamaafi ajaja komaandi poostii jela waan jirtuuf yeroo kana keessa hiriirri dhorkaa yoo ta’es, humni isaan dhorke homtuu akka hin turre odeeffannoon jiraattota magaalaa amboo irraa arganne ni mirkaneessa.
mormii isaanii dhageessisanii erga xumuranii booda magaalaa amboo keessatti komaandi poostiidhaan ijoolleen hidhaman waan jiraniif hanga isaan hiikamanitti barnootatti hindeebinu jechuudhaan barattoonni mormii kana irratti hirmaatan addaan bahaniiru.
Gara dhumaattis poolisootni kora bittinneessaa magaalattii keessa asiif achi deemanii to’ataa akka turan beekameera.

Barattoonni kun gaaffii isaanii waajjiraalee godina poolisii fi kan bulchiinsa godinaatti kan dhiyeeffatan yoo ta’u gaaffii keenyaaf yeroo dhiyootti deebii barbaanna jedhan.
Bulchiinsichis gaaffii isaanii qaama ol aanutti kan dabarsuuf ta’uu barattoota kanneenitti akka hime beekame.
Hiriirri kun labsiin yeroo muddamaa jiraatus, rakkoo tokko malee xumurameera.