Dhimmoota afriikaaf Aangawaa sadarkaa olaanaa ameerikaa kan ta’an Donald yamaamatoon torban tokkoof biyyoota baha Afriikaa sadii daw’achuuf akka jiran beekame.

Donald Yamaamatoon Torban tokkoof biyyoota baha Afrikaa sadii daaw’achuuf jiru.
Haaluma kanaan Dilbata darbe Asmaraa seenuu isaanii ministriin dantaa alaa Amerikaa beeksisee jira.
Dhimmootii Afrikaaf itti aanaa ministeeraa kan ta’an aangawaan kun guyyaa sadiif dawannaa hojii Ertraa keessatti geggeessaniin aangawoota Ertraa waliin dubbachuuf, hawaasa Diploomaatotaa wajjin wal arguuf akkasumas, hojjattoota Imbaasii Ameerikaa kanneen Asmaraa keessa jiran daaw’achuuf kan jiran ta’uu ministeerri dantaa alaa Ameerikaa ibsee jira.
Sana booda jila Ameerikaa hogganuun Ebla 24 fi 25 gara Jibuutii deemuun dhimma siyaasaa, dinagdee, gargaarsaa fi wal ta’iinsa nageenyaa irratti mari’atu jedhameera.
Ambaasaaddar Yamaamatoon dhuma irratti Ebla 26 gara Itiyoophiyaa dhaquun aangawoota sadarkaa olaanaa wajjin fedhii fi yaaddoo waliin qaban irratti mari’atu.