Hojjatoonni hojii gargaarsaa irratti bobba’an 10 biyya Suudaan Kibbaa keessatti achi buuteen isaanii dhabame.

Al’eeyni Nowdeehoo itti gaafatamaan damee gargaarsa mootummaa gamtoomanii Suudaan Kibbaa akka miidiyaaleef ibsanitti, hojjattoonni mootummaa gamtoomanii fii kanneen biroos konkolaatotan odoo gara magaalaa Toor jedhamtu guyyaa Roobii kaleessaa imalanuu achi buuteen isaanii dhabamuu ibsuun baayyee yaaddoo keesa galuu isaanii dubbataniiru.
Hanga gabaasaan tun ibsametti iddoon hojjattoonni ga’an akka hin baramin gaazeexaan Rooytars magaala Jubbaa irraa gabaaseera.
Wal-dhabbii Presedaanti Saalvaa keeri fii itti aanaa Presedaantii durii Riik Maacheer giddutti gaafa bar 2013 mul’ateen biyyiti Suudaan Kibbaa rakkoo lola walii wajjiin jeeqamaa jirti.
Lola kanaan wal-qabatee namoota kuma 10 oli ta’an ajeefaman keessaa namootni 100 ta’an hojjatoota gargaarsaa ta’uun himameera.
Dhaabni Fannoo Diimaa adunyaa lola dhiheenya guyyota 15 dura magaalaa Liir jedhamtutti mudateen kan ka’e hojjatoota isaani hojii dhaabsisanii gara magaala gudditti Jubbaa ti galchaniiru.
Hojjatoonni 7 kanneen mootummaaf odeeffannoo dabarsitan jedhamanii shakkamanii torbee 3f hidhamanii turan torbee lama dura gadi dhiifamaniiru.