Lammiin Itoophiyaa gargaarsa midhaan nyaataa hatattamaa barbaadan miliyoona 8 ga’uun himame.

Dhaabbanni gargaarsa nyaataa adunyaa akka ibsanitti, bara 2018 kana keessa lammiin Itoophiyaa warri gargaarasa midhaan nyaataa hattamaa barbaadanii miliyoona 7.9 ta’uu ibsaniiru.
Gargaarsa midhaaniin alaa yoggaa itti dabalame walii gala lammiileen gargaarsa barbaadan miliyoona 16 akka ga’an himaniiru.
Jiraattota gargaarsa barbaachisu tajaajiluuf hanga ji’a birraa dhufuu ti horiin doolaara Ameerikaa miliyoona 218 akka barbaachisu beeksisaniiru.
Hanga ammaa horiin dhaabbatoota tola arjoomanii irraa argamee jiru doolaara Ameerikaa miliyoona 125 akka ta’e dhaabbanni nyaata adunyaa hubahiiseera.
Horii argame doolaara miliyoona 125 kana keessaa biyyiti Ameerikaa doolaaraa miliyoona 57.34 yoggaa gumaachitu, Biyyoonni Kanadaa, Siwidiin, Jarmanii fii Jaappaan miliyoona 10ii hanaga miliyoona 3 akka gumaachanii jiran barameera.
Jiraattota Bulchinsa naannoo Soomaalee warra gargaarsa barbaadan miliyoona 3.7f akka gargaarsi godhameefi jiru dhaabbanni gargaarsa midhaan nyaataa Itoophiyaa ibseera.
Keessuma nyaata ga’omsaa ta’e daa’immanii fi haadholee akkasumaas dubartoota ulfaaf barbaachisu akka dhiheessanii jiran Dhaabbanni nyaata adunyaa hubachiiseera.
Rakkoo sababaa hoongeen wal-qabatee bulchinsa naannoo Sooamlee lammiilee miliyoona 8 ta’an dararaa jiru dandamuuf dhabbooleen tola arjooman gargaarsa isaanii akka itti fufan dhaabbanni nyaata Adunyaa waaminsa dhiheeseera.
Lammiileen kun yo gargaarsa hin arganne ta’e balaa cimaaf akka saaxilaan hubachiisaniiru.