Magaalota bulchinsa naannoo amaaraa keessa hanqinni boba’aa jiraachuun himame.

Sababaan hanqina boba’aa maal akka ta’e baramuu dhiisuus, magaalaa Baahir Daar, Warataa, Goondar, Dabra Taaboor, Waldaya, Dabara Maarqoosi fi kanneen biroos dabalatee hanqinni boba’aa cimaan jiraachuun himameera.

Akka oduun ESAT ga’etti, iddoo buufata boba’aan ni jira ja’ame ti hiriirri dheeraan Taaksii fii Baajaajii akka jiru ibsaniiru.

Guyyaa ar’aa magaalaa Baahir Daar bakkee buufata boba’aa kan Hoteela Paappiraasii cinaa jiru boba’aatu jira jechuun hiriirri dheeraan akka jiru jiraattonni ijaan argan himaniiru.

Haa ta’uu malee, boba’aan buufata keessaa dhumuun kan ka’e boba’aa dhabuun baajaajota dhiibanii bakka bulmaataa geesaniiru.

Sababaa hanqina boba’aa kanaan wal-qabatee naannoo magaalaa Baahir Daari ti abboottiin Bajaajaa baasii ummata irratti dabalaa akka jiran barameera.

Magaalaa Baahir Daar keessatti buufanni boba’aa 10 oli ta’an yeroo ammaa boba’aa dhabuuun hojii dhaabanii jiraachuun himameera.

Akka gabaasaan ibsutti, magaalota bulchinsa Amaaraa baayyee keessatti hanqinni boba’aa mudachuun kan ka’e rakkoon konkolaatota sochoosuu akka jiru ibsameera.

Sababaan hanqina bobaa kun maal akka ta’e ifaan ifatti baramuu dhiisuus, rakkina sharafa maallaqa biyya alaa waliin akka wal-qabatee ta’uun akka danda’u odeeffamaati jira.