Barattoonni Yunivarsitoota Gara Barnootatti hin deebine jedhame

Walitti bu’iinsa yunivarsitoota keessatti uumame wajjiin walqabatee barattoonni gara maatii isaanii galan gara barnootatti akka deebi’an waamamaniis deebi’u akka hin dandeenye gabaasni mootummaa mul’iseera
Akka gabaasa kanatti, rakkoon siyaasa dhaabbiilee barnoota olaanoo keessa jiru sadarkaa guddarra gaheera.
Rakkoo kun furmaata kan hin argannee yoo ta’e balaa kana caalu qaqqabsiisuu akka malu gabaafameera
Momii ummataa wajjiin walqabatee yunivarsitoota 19n walitti bu’iinsi barattoota keessatti uumame 19 n keessa haala jiru akka qoratuuf mootummaan koree tokko hundeesseera.
Miseensi koree kanaa fi qondaalli mootummaa olaanoon tokko qorannoo kana ilaalchisee gabaasa dhiyeessaniin, barattoonni fi Hawaasni Yunivarsitoota rakko Siyaasa biyyaatti mudateen unkuramaa akka jiran himaniiru
Barattoonni sabaan gurma’uun ija shakkii fi sodaan wal -ilaalaa akka jiran gabaafameera
Miira sodaa fi Shakkii barattoota yunivarsitoota bira jiru kana furun kan hin danda’amne yoo ta’e, dhaabbileen barnoota olaanoo rakko kana caaluuf saaxilamun akka danda’an gabaasni kun mul’iseera.
Barattoonni sababa walitti bu’iinsan gara maatii isaanii galan akka deebi’aniif yeroo adda addaa waamamaniis gara moora yunivarsitoota deebi’uuf fedhii akka hin qabne gabaafameera
Sababni guddaan walitti bu’iinsi yunivarsitoota keessatti mudatee dhimmoota qabiyyee siyaasa akka qaban ministirri Barnoota Doktor Xilayee Geetee himaniiru
Oduu walfakkatuun, haalli barattooni Oromoo Yunivarsiitii Bulee Horaatti baratan keessa jiran yaaddeessaa akka ta’e himameera.
Walitti bu’iinsa barattoota Oromoo fi Tigraay giddutti uumameen humnooni Agaazii Barattoota oromoo reebaa fi darara akka jiran gabaafameera
Bulchiinsi yunivarstichaa barattoota Tigraay mooraa yunivarsitichaa keessa poolisii federaalaa wajjiin bakka tokkotti galchun nyaachiisaa akka jiran maddeen oduu mul’isaniiru
Sababa walitti bu’iinsa kana wajjiin walqabatee loltoonni Agaazii baratoota Oromoo lamaa qabanii asi buuteen isaanii dhabamu barattoonni himaniiru.
Barattoonni Oromoos hanga barattoonni kunnii gadhiifamanii barnootatti deebi’anitti hin baranu jechun mooraa yunivarsitichaa gadhiisanii bahaa akka jiran gabaafameera.
Baratoonni saba Amaaraa yunivarsiticha keessatti barataniis tarkaniiffii barattoota Oromoo kana deeggarun mooraa keessa bahuuf qophiirra akka jiran beekameera
Yunivarsiitii Adaamaa immoo Barattoota 18 mormii kakastran ittin jedhe barnootarra ari’uusaa himameera