Sirni Awwaalchaa Gaazexxeessaa Ibrahiim Shaafii Magaala Finfinneetti raawwatame

Gaazexxeessaa Ispoortii, Barsiisaa fi dhimmoota Siyaasa adda addaa irratti bareeffamoota bilchinaa qaban dhiyeessuun kan beekamu gaazexxeessaa Ibraahiim Shaafii Keeniyaatti baqatee jiraacha ture
Dhimmaa Siyaasa Itoophiyaa ilaalchisee xinxalli bilchinaa qabu kennu fi mirgi namoomaa akka kabajamuuf hirmaannaa guddaa gocha turun isa hin beekama.
Gaazexxeessa Ibrahiim Shaafii reebichaa fi darara guddaa hidhattoonni waayyaannee mana hidhaa Shawaa Roobiit keessatti irratti raawwataniin dhibeef akka saaxilame hiriyoonni isaa himaniiru
Ibrahiim Itti-aanaa qopheessaa gaazexxaa ‘Addis Gudaay’ jedhamu waan tureef hidhattoonni mootummaa waayyaannee biraatti jibbaa guddaa uumeera .
Bulchiinsi mootummaa waayyaannee Gaazexxaa ‘Addis Gudaay’ cufun Ibroo immoo badii tokko malee gara mana hidhaatti darbateera.
Gaazexxeessa Ibrahiim Shaafii mana hidhaa waayyaanneetti erga bahee booda akka lakkofsa warra faranjoota bara 2014 gara Keeniyaatti baqachun jireenya baqannaa jalqabeera.
Ibroon gara Keeniyaa erga baqatee boodaa dhimmoota kabajamuu mirga namoomaa irratti hirmaannaa cimaa gocha tureera
Gaazexxeessa Ibrahiim Shaafii reebicha mana hidhaa Shawaa Roobiit keessatti irratti raawwatame wajjiin walqabtee rakka fayyaa isa mudateen Keeniyaatti du’aan Addunyaa kanarra boqateera.
Deeggartoota fi jaalattoota Ispoortii akkasumas namoota haala Siyaasa Itoophiyaa dhiyeenyaatti hordofanii fi lammiilee Itoophiyaa hundaaf duuti Gaazexxeessaa Ibrahiim Shaafii gadda guddaa ta’eera.