Miseensa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Pirezedanntii Yunivarsiitii Finfinneef filachiisuf duulli jalqabame

Filannoo Pirezedantummaa Yunivarsiitii Finfinneef kadhimatoota 22 dhiyaatan keessa sagal gara marsaa itti aanutti akka darban himameera.
Pirezedantiin Yunivarsiitii Finfinnee waldorgommiin akka filatamu himamuus, qondaltoonni waayyaannee Miseensi Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Profesaar Xaasaaw Waldahaannaa filachiisuuf duula jalqabaniiru
Addi Bilisaa Baasaa ummata Tigraay waldorgommii pirezedantummaa Yunivarsiitii Finfinneef Profasaar Xaasaaw Waldahaannaa kadhimummaan dhiyyeessuun koree filachiistu irratti dhiibbaa gocha jiraachun himameera
Dhaabbata Dimokirasummaa Ummata oromoon gamasatiin,hayyuun Falasamaa Doktor Baqqalaa Guutamaa Pirezedantii Yunivarsiitii Finfinnee ta’anii akka filatamaniif fedhiin jiraachu himameera.
Kadhimaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Profesaar Xaasaaw Waldahaannaa Yunivarsitichaatti hogganaa Muummee Barnoota Ikkonomikisii ta’un yeroo ammaa tajaajila jiru
Kadhimatoota filannoo Pirezedantummaa Yunivarsiitii Finfinneef dorgomaa jiran keessa obboleessi ministiira muummee Hayilamariyaam Dassalaany Profesaar Fiqiree Dassalaany akka argaman beekameera.