Mootummaan Itoophiyaa Hidhamtoota Siyaasa hiiku fi Mana Hidhaa Maa’ikalaawwii Cufuf murteessusaa Ministirri muummee Hayilamariyaam Dassalaany Beeksisan

Hoggantoonni paartiilee miseensoota Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) Arfan walagahii Koree hojii raawwachistuu addicha erga xummurame booda yeroo jalqabaaf gaafa roobii ibsa kennaniiru
Hoggantoonni ADWUI arfan ibsaa isaanii kanan, hidhamtoonni siyaasa mana murtiin addabbiin yakkaa itti murta’ee fi Abbaa Alangaa himataman dhimmi isaanii ilaalama jiru addaa citee mana hidhaatti akka gadhiifaman beekisisaniiru
Waltajjii Dimokirasii bal’isuu fi walgaltee biyaa gaarii uumuuf hidhamtoonni Siyaasa gadhiisuu akkasumas mana hidhaa Maa’ikalaawwii cufamee gara godahambaatti akka jijjiiramu Ministirri Muummee Hayilamariyaam Dassalaany dubbataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa yeroo adda addaa hidhamtoonni Siyaasa hin jiran jechun mormaa akka ture kan yaadatamudha
Murtii hoggantoota paartiilee miseensoota ADWUI amma kana ilaalchise wajjiirra ministiira muummee oduu jalqaba maxxanseen hidhamtoota Siyaasa adda addaa itti murta’ee mana hidhaa jiranii fi kanneen abbaan alangaa himatee dhimmi isaanii ilaalama jiru jechun ibseera.
Wajjiirri Ministiira Muummee dhugaa hidhamtoonni Siyaasa hin jiran jedhu dhoksuuf oduu kana yeroo torbaa jechoota adda addaatti jijjiirun miseensoota dhaabbilee siyaasa yakka raawwataniin itti murtaa’ee fi hidhamanii himaannarra jiran jedhutti jijjiireera
Walatajjii Dimokiraasi bal’isuu fi walgaltee biyyaa gaarii uumuuf jecha hidhamtoonni Siyaasa itti murta’ee fi hidhamanii abbaan alangaa himaannaa irratti bane akkasumas hidhamtoonni biroo akka gadhiifaman hoggantoonni Paartiilee ADWUI himaniru
Oduun Murtii Mootummaa obbo Hayilamariyaam Dassalaany kun erga dhaga’amee booda lammiilee biyyaattii fi hawaasni addunyaa biratti hanga tokko gaarii fakkatus namoonni baay’een shakkiin ilaala jiru
Dhimmi hidhamtoota siyaasa jedhu akkataan ittin ibsamu gaaffii guddaa lammiilee Itoophiyaa hunda ta’eera.
Sababn immoo lammiileen biyyaatti kumatamatti lakkawaman yakka sobaa shororkeessummaa jedhun himatamanii itti murta’ee dararamaa waan jiraniif gaaffii uumeera.
Murtiin mootummaa amma kun immoo hidhamtoota Siyaasa yakki sobaa Shororkeessummaa jedhun himataman ni ilaalata moo hin ilaalatu kan jedhu ammas gaaffii Laammiilee Itoophiyaa deebii hin argane ta’eera.
Mootummaan Itoophiyaa hoggantoota fi miseensoota dhaabbilee Siyaasa, Gaazexxestoota, namoota mirga namaaf falamanii fi lammiilee biyyaatti imaammataa mootummaa mormanii fi ilaalcha siyaasa biroo qaban hunda mana murtiitti fayyadamun hidhaa jira .
Manni Hidhaa maa’ikalaawwii hidhattoonni waayyaannee lammiilee biyyaatti gocha gara jabeenyaa fi sukkaneessa ta’een keessatti darara turan cufamee gara godhambaatti akka jijjiiramus obbo Hayilamariyaam himaniiru.
Mana hidhaa Maa’ikalaawwii jedhamu kana keessatti namoonni baay’een badii tokko malee ilaalcha siyaasa qaban qofaan tarkaniiffiin sukkaneessaa fi gara jabeenya irratti fudhatama
Murtiin hoggantoonni paartiilee miseensoota ADWUI arfan irra gahan kun gaaffii ummanni biyyaatti gaafacha ture ammas kan deebisu akka hin taane himameera.
Murtii mootummaa amma kanan hidhamtoonni Siyaasa guyyoota lama gidduutti gadhiifamu danda’u jedhame akka eegamu maddeen oduu biyyaa keessa gabaasaniru
Hidhamtoota Siyaasa itti murteeffamee manneen hidhaa keessa jiran komishiniin Manneen Sireessaa akkasumas kanniin dhimmi isaanii mana murtiitti ilaalama jiru immoo, Abbaan Alangaa Waliigalaa maqaa isaanii akka dhiyeessu wajjiirri Pirezeadnatii Biyyaatti ajajuusa gabaafameera
Murtii amma kana hidhamtoonni Siyaasa meeqa akka gadhiifama beekamu baatuus himannaa sobaa yakka shororkeessummaa jedhun hidhamtoonni siyaasa kumatamni manneen hidhaa keessatti dararama jiru.