Amerikaan Dhimma Siyaasaa Biyyaa koo keessa harka galfate jechun Iraan Himate

Lammiileen Iraan rakkoo bulchiinsa gaarii, malanmaltummaa fi Qaala’iinsa gatii wajjiin walqabatee mormii erga jalqabanii olaanii bulaniiru.
Mormiin ummataa guyyoota jahaa darbaniif gaggeeffameen hanga ammaatti namoonni 21 akka ajjeeffaman BBCn gabaaseera.
Amerikaan dhimma siyaasa biyyaatti keessa harka galfachuun jeequmsa kakasaa jirti jechun Iraan himatee jirti.
Mootummaan Amerikaa dhimma siyaasa biyyaatti keessaa harka akka baafatu Iraan xalayaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif barreessiteen gaafate
Pirezedantiin Amerikaa Donaald Tiraamp marsaa Tiwutarii isaaniin lammiilee jeequmsaaf kaka’suun seera qabeessaa akka hin taane Iraan Xalayaa dhaabbata mootummoota gamtomaniif bareessiteen beeksiste jirti
Gochi Amerikaa kun faallaa seeraa addunyaa akka ta’e Iraan himte jirti
Mormiin Ummata Iraan Magaala Teheraaniitti jalqabame kun gara magaloota birootti babal’ateera
Miidiyaaleen Mootummaa moormii ummataa biyyaatti gabaasu dhiisuun hiriira deeggartoonni mootummaa gaggeessa jiran irratti xiyyeeffachuun gabasa akka jirus himameera
Mootummaan biyyaattiis mormii ummataa kana dhabsisuuf loltoota amanamoo eegdoota waarraqsaa biyyaatti yookan ‘Revolutionary Guard’jedhaman bobbaseera.
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa gamasantiin, Amerikaan dhimma keessoo Iraan keessa akka hin seene akeekkachisaniiru
Dhaabbata Mootummoota gamtomaniitti Ambasadarri Amerikaa Niikii Heelii himannaa Iraan Amerikaa irratti dhiyeessite kun gutumaatti fudhatama hin qabu jedhaniiru
Lammiileen Iraan bilisummaaf boowaa akka jiranii fi namoonni bilisummaa jaalatan hundi wajjiin dhaabbachuu isaanii Amabasaddaar Niikii Heelii himaniiru
Lammiileen Iraan akka lakkofsa warra faranjoota bara 2009 hiriira mormii guddaa gaggeessanitti aanee inni amma kun kan jalqaba akka ta’e gabaafameera.