Garagarummaan dippilomaasii Sudaan fi Ijipt gidduu jiru yeroo dhiyoo asi dabalaa akka dhufe ni himama.

Pirezedantiin Tarkii Reesiip Tayiib Erdogaan tibbaa darbe Sudaan daawwachuun isaanii garagarummaan biyyoota ollaa lamanii akka dabaluuf sababa ta’u hayyoonni siyaasa qeeqaniiru.
Qamooleen nageenya Ijipt hidhattoonni Darfuur loltoota mootummaa wajjiin walwaaranaan deeggara jiru jechun Pirezedantin Sudaan Omar Hasaan Al-Bashiir kana dura himatanii ture
Himaannaa Mootummaa Sudaan kana booda walitti dhufeeny dippilomaasii biyyoota laman yeroo gara yerootti laafaa dhufun garagarummaan isaanii immoo dabaluun ni himama
Yeroo hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaan laafee jiru kanatti Pirezedantiin Tarkii Sudaan daawwachuun isaanii rakkoo dabalataa uumeera
Sudaan Ambasaddara ishee Ijipti jiran Abdal mahammad Abdalhaliim hariiro biyyoota lamanii irratti marsiisuuf gara biyyaa akka waamte Ministeerri Dhimma Alaa biyyaatti ibsa baaseen beeksiseera.
Sudaan Abasaddarashe Ijipt gara biyyaatti waamushe akka isaan beeksifte Ministeerri dhimma alaa Ijipt mirkaneesseera
Ijipt rakkoo walitti dhufeenya biyyoota lamaan mudaacha jiru kana qulqulleeffachuuf hojjachaa akka jirtuus gabaafameera.
Hidha haaromsa Itoophiyaa g laga Abbaayyaa irratti ijaaramu ilaalchise Sudaan fi Itoophiyaan ijjaannoo tokkoon waliigalteen bara gita bittaa warra Awurrooppaanoota mariif ka’uumsa ta’u hin qabu jechun morma jiru
Sudaan Ijaarsi Hidha haaromsa hanga biyyoota Sulala Laga Naayeel gara gaditti jiran irratti dhiibbaa hin qabneetti rakko hin qabu jechun Ijiptiif waan liqimsameef hin fakkatu.
Akkasumas walitti dhufeeny Itoophiyaa fi Sudaan mootummaa Kuwaatar wajjiin bifa haaraa jalqaban Ijipt ijaa shakkiin ilaala jirti.