Dargaggoonni Mana Hidhaa Maa’ikalaawwiitti miidhaa guddaan irra gahee mana Murtiitti akka hin agarsifane dhoorkame

Dargaggoon Fidisaa Guutaa Godina Qellam Wallaggatti qabame mana hidhaa maa’ikalaawwiitti hidhame miidhaa sukkaneessaa mana hidha maa’ikalawwii keessatti isaraatti raawwatame uffata isaa baafatee mana murtichaatti argarsiisuuf gaafatus Abbootiin seeraa dhoorkaniiru.
Akkasumas darara guddaa maqaa qoranoo jedhun isarratti raawwate afaaniin dhadachaatti himachuuf akka sumas//Tikoota Waayyaannee mana hidhaa keessatti gocha sukkaneessa irratti raawwatan maqaa waame himuuf gaaffiin dhiyeesse fudhatama dhabeera.
Himataman tokko kana dura uffata ofirra baasuun gocha gara jabeenya mana hidhaa maa’ikalaawwii keessatti isaan irratti raawwatame mana murtichaatti argarsisuun ni yaadatama
Tokoonni Waayyaannee maqaa qorannoo jedhun gochi gara jabeenyaa fi sukkaneessan lammiilee irratti raawwatan ijaan arguu fi gurraan dhaga’uuf kan cimu ta’us qabsoo dhugaaf taasifamu duubaatti akka hin deebisne himameera
Ministirri Muummee Hayilamariyaam Dassaleeny manni Hidhaa maa’ikalaawwii bara mootummaa dargii gochi sukkaneessaan keessatti raawwatama ture ni cufama jechun ibsa aja’ibsiisa laataniiru
Mootummaan Dargii waggoota 17f mana hidhaa maa’ikalaawwii keessatti mormitootasa darara kan tureera
Bulchiinsi mootummaa waayyaannees waggoota 26 darbaniif lammiilee biyyatti walqixummaa, haqaa fi dimokiraasiif qabsa’aan mana hidhaaMaa’ikalaawwii keessatti dararu itti fufeera.
Lakkofsi Lammiilee Itoophiyaa mana hidhaa Maa’ikalaawwwii keessatti ajjeeffaman, qaamni isaanii hir’atee fi dhibee adda addaaf saaxilaman kan yeroo Dargiira kan Yeroo bulchiinsa mootummaa waayyaannee akka caalu ni himama.
Manni hidhaa maa’ikalaawwii cufamuus gochi sukkaneessaan tikoonni waayyaannee lammiilee nagaa irratti raawwatan itti fufu akka malu himameera
Oduu biraan immoo, Mormii jirattoota magaala Shaambuu wajjiin walqabatee loltoonni waayyaannee namoota dimashaashaan qabanii mana hidhaatti guura akka jiran himameera.
Jirattoonni magaala Shaambuu hiriira mormii bahaniin diinni Ummata Oromoo fi Amaaraa tokko jechun shira mootummaa waayyaannee balaleeffataniiru
Loltoonni waayyaannee tokkummaan jirattoota magaala Shaambuu kanatti dallanuun tarkanniiffi haalo bahuu fudhataniin namoota heddu dimishaashaan hidhaa akka jiran gabaafameera.