Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Namoota 19 Adabbii Hidhaa Hanga Waggaa 16 fi Ji’a Jahaa Itti Murteesse

Mana Murtii Olaanoo Federaalaatti dhadachi yakkaa 4ffaa fi 19ffaan lammiilee namoota 19 adabbii hidhaa waggaa 3 fi ji’a 10 hanga waggaa 16 fi ji’a jaha gahu itti murteesse
Lammiileen adabbiin hidhaa itti murteeffame Arbanyooch Ginboot Sabaatti wajjiin walitti dhufeenya qabu jedhamanii yakka shororkeessummaan kan himataman ta’u gabaafameera
Mana murtichatti, dhadachi yakkaa 19ffaan himatamtoota 14 galmee Geetahuun Bayyaanaa jalatti himataman adabbii hidhaa waggaa adda addaa itti murteesseera.
Haaluma kanan,Manni Murtichaa Doktor Asnaaqaa Abbaayineeh fi obbo Alamayyoo Nigusee adabbii hidhaa waggaa 16 fi ji’a jaha itti murteesseera.
Akkasumas himatamtoota galmee kana jalatti himataman keessa adabbii hidhaa gadi aanaa kan ta’e obboo Baantewasaan Abbaabaa irratti hidhaa waggaa 3 fi ji’a 10 murteesseera
Himatamtoonni biroo galmee kana jalatti himataman obbo Geetahuun Abbaabaa fi obbo Biraaziil Ingidaa walduraa dubaan adabbii hidhaa waggaa 9 fi waggaa 15 itti muta’eera
Bifuma walfakkatuun, Mana murtichatti dhadachi yakkaa 4ffaan himatamtoota shan galmee obboo Yohanniis Mangistee jalatti himataman hidhaa waggaa 14 hanga 15 gahun adabeera
Haaluma kanan himatamaa 2ffaan obbo Tsagaayee Zallaqaa hidhaa waggaa 14 itti murta’eera.
Himatamtoonni biroo hafan Yohanniis Mangistee, Gashaaw Muluyee,Asmaaree,Gashaaw Maammuuyyee fi Mansibooh Birhaanuu hidhaa waggaa 15n akka adabaman manni murtii sobaa waayyaannee itti murtesseer
Himatamtoonni hundu himaannaa sobaa abbaan Alangaa Federaalaa yakka shororkeessummaan ittin isaan himate ofirra ittisuu didaniiru.
Himatamtoonni kunniin mormii ummataa Amaaraa mootummaa waayyaannee irratti gaggeesse wajjiin walqabatee ji’a Fulbaanaa fi onkololeessa bara 2008 qabamanii kan hidhaman
Himatamtoonni kunniin adabbiin hidhaa erga irratti murta’ee booda yaada kennani, Obbo Abbaay Tsahaayee fi Saamora Yenuus caalaa kan itti gaafatamtan isiin abbooti seeraa sobaan murteesitan jechun dhadacha irratti dubbataniiru.
Mootummaan keessan waggaa tokkoo ol waan hin tureef adabbiin murtiin sobaan nutti murteessitan nu yaaddeessu jechun himatamtoonni dhadacha irratti himaniiru.
Mormii Ummataa Oromoo fi Amaaraa wajjiin walqabatee lakkofsi dhalattoota saba lamanii yakka sobaa shororkeessummaa jedhun himatamn akka malee dabalaa dhufunisa himameera.
Odudhuma mana murtii Sobaa waayyaannee kana wajjiin walqabatee,Abukatoonni Dr Maraaraa Guddinaa ragaalee dabalataa sagalee, Viidiyoo fi Suuraa abbaan alangaa dhiyeeffate aragachuu akka qaban dhadachi yakka 19ffaan murteessea
Abbaan Alangaa Federaalaa ragaalee namaa fi Sanadaa himaannaa Dr Maraaraa Guddinaa irratti dhiyeessee akka xumure erga mana murtichaatti hime booda ragaalee dabalataa dhiyeessun kan yaadatamudha.
Abukatoonni Dr Maraaraa Guddinaa ragaaleen dabalataa abbaan Alangaa maamila isaanii irratti dhiyeesse seera-qabeessa miti jechun mormaniis manni murtichaa fudhachu dideera