Qabeenya Waayyaannee kan ta’e Kampaaniin Iffart warshaa ijaarsaa haaraa birrii biiliyoona lamatti dhiyaatuun hunddeessuuf kampanoota biyyoota lama wajjiin waliigaltee mallatteesseera.

Hoggantuun Kampaaniichaa fi haatii warraa duraanii Mallas Zeenawii // Azeeb Masfiin waliigaltee kana kampaanii biyyaa Siingapoori Kustoonaajedhamuu fi kan biyyaa Amerikaa Feerfaaksi jedhamu wajjiin mallatteessun ishee gabasameera.
Warshaa ijaarsaa kun magaala Maqalee yookan naannowasheetti ijaaruuf hojiin lafa ijaarsaaf mijatu filachuu akka jalqabame himameera.
Warshaan Simintoo Masoboo kampanoota biyyoota lamanii kana wajjiin qinda’uun gahee dhibbeentaa 60 akka qaabatu waliigalticharra hubachun danda’ameera
Kampanoon Siingapoorii fi Amerikaa laman immoo gahee dhibbeenta 40 akka qaban beekameera
Warshaan Qorqoorroo haaraa kampaanii Iffartiin ijaramu kun wayita xummuramee tajaajilla kennu jalqabu oomishaaleesaa pirojektoota ijaarsa manneen wal-wajjiinii (Kondominiyeemii) fi gamoowwaaniif ni raabsa jedhame
Warshichi oomishaalee ijaarasa Jibisamii fi Halluu dabalatee kan biroo Omishuuf karoora akka qabu hoggantuun Iffart Azeeb himaniiru
Kampaaniin Iffart qabeenya Ummataa Itoophiyaa bifa adda addaan saamuun kan hundeeffame yoo ta’u, yeroo ammaa diinagdee biyyaatti irra caalaan to’aateera.
Kampaniichi yeroo ammaa kaappitaalaa waliigalaa birrii biiliyoona 8 kan qabu yoo ta’u, hojjattoota kuma 50 bulchaa akka jirus himameera
Kampaaniin Iffart deeggarsa addaa mootummaarra argatuun maallaqaa hedduu baankii Misoomaa fi Daldalaa Itoophiyaarra liiqeeffachuun kaffaluu akka dide gabaafama tureera
Kana malees, kampaaniichi caalbaasii malee omishaalee isaa pirojektoota mootummaa gurguddaaf dhiyeessuun karaa seeraan alaan mallaqaa ummataa saamaa jira