Biyya Afrikaa Kibbaa tti sa’aa 48 keessatti lammiileen Itoophiyaa 7 ajeefamuun dhaga’ame.

Lammiilee biyya Afrikaa Kibbaa jiraataniif yeroon ammaa kun yeroo gadda cimaa keessa jiraniidha.
Torbee lamaan darban kana keessa lubbuun lammiilee Itoophiyaa 9 ajeefamuun lammiilee Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti gadda cimaa keessa galaniiru.
Jiraattonni lammii Itoophiyaa otoo Sabboonaan Gazzaahany Gabramasqal Nabroo awwaalanii mana itti hin galin dhalataan Jimmaa sabboonaan Mohammed Said jedhamu ajjeefamuun gadda irraan gadda guddaa uumeera.
Kun kanaan ta’ee oyuu jiruu, sa’aa 48 darban keessa lammiileen Itoophiyaa biyya Kibba Afrikaa jiraatan 7 naannawa jiraatan tokko keessatti ajjeefamuun daran gadda cimaa uumeera.
Magaalaa fageenya kiiloomeetira 60 fagaattu kan Paalm Riij yokaan Tokoozaa jedhamtu tti guyyaa Roobii darbee namni tokko yoggaa ajeefamu galgala edaa immoo namoonni 5 bakkuma sanitti ajjeefamuun himameera.
Walitti qabaan hawaasa Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa obboo Taammiruu Abbabaa guyyaa kale dhaamsa dirmachuu namoota shaman ajjeefamaniif otuu garas imalaa jiranuu gamana jimaata hardhaa anmni biro ajjeefamu dhaga’uu isaanii ESATf himaniiru.
Walii gala guyyoota lamaan darban keessa lammiileen Itoophiyaa 7 iddoo Paalm Riij jedhamtutti ajjeefamuu obboo Taammiruun ibsaniiru.
Waayee Ajjeechaa kana ilaalchisee Imbaasii Itoophiyaa irraa ibsi kenname tokkooleen hanga ammaa hin jiru.