Mi’a waraana seeraan alaa baayinaan biyya seenaa jiraachuu gareen Komaand poostii ibse.

Gareen Komaand Poostii Labsi Yeroo Muddamaa sababeeffachuun biyya bulchaa jiru magaalaa Moyyaalee ti lola taasifameen jiraattonni baayyeen ajjeefamuu fii madaawuu ibsa baasaniin ibsaniiru.
Haa ta’uu garuu, lakkoofsa namoota ajjeefamanii fii madaa’anii ibsuu irraa off qusatanii jiru.
BBCn magaalaa Moyyaalee fii hoospitaala Yaabeelloo wabii godhachuun namoonni ajjeefaman 10 oli ta’uu gabaasaniiru.
Gareen Komaand Poostii akka ibsanitti, mihni lolaa seeraan ala biyya keessa sochoo’aa akka jiru himaniiru.
Dhuma ji’a Eblaa qofa keessa qawwee Kilaashinkoov 142, Shugguxii 88, miini lolaa gara garaa 17 fii boombiin harkaa 11 qabamuu ibsaniiru.
Haala kanaan kan ka’e, jiraattota magaalaa Moyyaalee fii naannoo ishee mi’a lolaa irraa hiiksisaa jiraachuun himameera.
Kanaan dura magaalaa Baahir Daar keeessatti mana jiraataa tokkoo keessaa qawween Kilaashinkoov 14, shugguxii 3 fii rasaasonni matarayyasii, Kilaashinkoov fii shugguxii 267 booji’amuu ministeerri ibsuu gabaasuun keenya waan yaadatamuudha.
Gareen Komaand Poostii 5ffaa kan Meejar Janaraal Fissahaa Kidaaniin hoogganamu mi’a waraanaa seeraan ala biyya seenan dhoorguuf jiraattoota bulchinsa naannoo Amaaraa irraa hidhannoo hiikuuf tattaafataniiru.