Hayyuun qabeenya fi itti fayyadama bishaanii Proofeesar Xaafaa Tulluu du’aan addunyaa kanarraa boqatan.

Proofeesar Xaafaa Tulluu isaanii umrii 61 guyyaa kaleessaa adunyaa tanarraa galaniiru. Proofeesar Xaafaan hanga lubbuun jiranitti

Proofeesar Xaafaa Tulluu Hayyuu Yuunvarsiitii Finfinnee, Amboo, Adaamaa, Jarmanitti(Yuunvarsiitii Reestook) barsiisummaarraa hanga sadarkaa hoggansa addaddaatti tajaajiluun seenaa bareedaa dhiifatanii fi Riftvaalii Yuuniversiitittis Vice prezedantii qorannoo fi teknooloojii ammayyaa turaniiru.

Akkasumaas, Proofeesar Xaafaa Tulluu Amma du’aan boqatanitti hojjetaa Yuunvarsiitii Finfinnee kan turan yammuu ta’u, kitaabota 4 fi barreeffamoota qorannoo gaggabaaboo 25, kitaabota barnootaa 25, qorannoowwan maxxansa waggaarratti ba’an 7 gumaachaniiru.

Proofeesar Xaafaan dandeettii qorannoo (research)adda addaa geggeessurratti qabaniin waraqaalee qorannoo 20 waltajjiiwwan qorannaa gara garaarratti dhiyeessanii akka jiran seenaan ragaa bahaaf mul’iseera.

Sirni awwaalcha hayyuu qabeenya fi itti fayyadama bishaanii Proofeesar Xaafaa Tulluu guyyaa har’a magaalaa Amboo bataskaana Kidaana Mihiratitti gaggeeffamee oleera.