Mormiin Bulchinsa Naannoo Soomaaleeti dhooye guyyaa Jimaata har’aa itti fufaa jira.

Mormiin bulchinsa naannoo soomaalee magaalaa Shinniilee ti jal’qabame guutuu bulchinsaa keessa babal’achuun godinaalee gara garaa keessatti itti fufaa jira.
Guyyaa hardhaa Magaalaa Dirre-dhawatti dhalattoonni Somaalee Salaata Jum’aatiin booda mormii dhageessisaa turaniiru.

Mormiin bulchinsa naannoo Soomaaleetti cimee itti fufuun guyyaa hardhaa salaata jum’aatiin booda magaalaa Dirrii Dhawaa fii Shinniile tti masjiidota gara garaa ti hiriirri guddaan geggeefameera.
Mormiin guyyaa hardhaa Salaata Juma’aa booda geggeeffame irrati, daragaggoota muslimaa bayyeen irratti hirmaachuun hooggantoonni bulcninsa naannoo Soomalee kan Abdi Illeen durfamu akka angoo irraa kaafaman dhaadannoo gara garaa dhageessisaa turaniiru.
Dhaadannooleen hiriira kana irratti dhageessifamaatiin turan keessaa,
Nuti bulchiinsa Abdii illee hin feenu, gabrummaa fi hacuuccaan nurraa haa dhaabbatuu fi kanneen biros dhageessifamaa turaniiru.

Magaalaan Godee fi naannoo ishee mormii lagannaa hujiin cal’istee jiraachuun himameera.

Mormii jalqabame dhaabuuf poolisoonni naannoo Soomalee liyyuu Haylii jedhamuun beekkamu godinaalee keessa sochoo’uun jiraattota doorsisaa jiraachuun himameera.

Jalqaba mormii bulchinsa naannoo Soomalee irratti dargaggoonni manneen hidhaa caphsanii hidhamtoota maneen hidhaa keessa akka baasanii turan gabaasuun keenya waan yaadatamuudha.
Kun kanaan ta’ee odoo jiruu, Presedaantiin Bulchinsa naannoo Soomalee Abdi Illeen kaabinoota isaanii diiguun miseensota Kaabinee 21 ar’uun namoota haarawa bakka buusuu isaanii gabaasuun keenya kan yaadatuudha.
Mormii bulchinsa naannoo Soomalee kana qabbaneessuuf Janaraalonni TPLF warren daldala Kotrobaandii Presedaantii wajjiin qaban deeggarsa cimaa kennaafii akka jiran himameera.