Muummeen Ministeera Itiyoophiyaa Dr Abiy Ahmad fi Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa godina baalee daawwatan.

Guyyaa Sambata hardhaa ministiraa muummee fi preezdaant Lammaan jiraattota godinichaa baalee istaadiyamii Roobeetti ummataaf haasaa ni taasisan.
Itti aansuunis Dooktar Abiyyii fi obbo Lammaan bakka bu’oota jiraattotaa 850 ta’an waliin dhimmoota siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaarratti mariisisuun kallattii ni kaa’u jedhame eegamaa jiraachuu OBN gabaaseera..
Godinaan Baalee weerara poolisii humna addaa naannoo somaaleen wal qabatee godinaa jeeqomsa ulfaataa keessa jiruudha.
Akka jiraattonni yeroo irraa gara yeroo ti iyyachaa jiranitti haaromsi bulchinsa naannoo oromiyaa kessatti geggeeffamaa jiru akka godinaa Baalee hin ga’inii fii aangawootni OPDO godinicha bulchaa turanii fii ammaas bulchaa jiran rakkoo cimaa ummata irraan ga’aa akka jiran himamaa jira.
Qeerroon godinaa Baalee gaafii ummatni kaasaa jiru bifa qindaawaa ta’een hooggansa godinicha daawwachuuf dhufaniif dhiyeessuuf aanaalee godinichaa gara garaa irraa yeroo ammaa magaalaa roobee seenaa jiraachuun barameera.
Daawwannaa muummicha ministeraa Itiyoophiyaa Dr Abiy Ahmad fi pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa taasisan hordofuun dhaabbileen miidiyaa biyya keessaa fi alaa gara godina baaleetti imalaa jiraachuunis beekameera.

Muummichi ministeraa Dr. Abiy Ahmad erga muudamanii asi bulchinsa nannoo Soomaalee, Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa, Kibaa, Banishaangul Gumuz daawwachuun hawaasa mari’achiisaniiru.

Akkasumas magaalaa Finfinnee galma Barkummeetti dargaggoota biyyattii kuma 25 ol ta’an waliin mari’achuun hoteela Sharaatan Addisitti abbootii qabeenyaa waliin mar’ataniiru.