Yunivarsitii Gaambeellaa ti wal-dhabuun barattoota gidduti argame.

Wal-dhabiin hojjettuu Yunivarsitii takkaa fi barataa tokko gedduu uumamaeen jalqabame barattoota baayyee hirmaachisee wal-dhabbiin barattoota giddutti taasifamuun himameera.
Yunivarsitii Gaambeellaa ti rakkooleen barattoota giddutti erga uumamuu jalqabee, ji’a tokko darbuun sadarkaa hojiin barachuu fii barsiiuu addaan dhaabbatu ga’eera.
Mormii Yunivarsitiilee biyyattii keessatti geggeefamuu bifa adda ta’een barattoonni Yunivarsitii Gaambeellaa yo mormii geggeesan baayyinaan hidhamuun isaanii akka Yunivarsitiin tasgabbiin hojii baromsaa sirnaan hin geggeessine taasisaa jira.
Mormiin torbee lama dura barattoonni dhimma qulqullina nyaataa ilaalchisuun taasisan irratti gareen Komaand Poostii Kaampaasa galuun barattoota naasuu tokkoon ala reebaa turuun daran tasgabbii Yunivarstii dhoorkuun himameera.
Sababaa reebicha cimaa kanaan wal-qabateen barattoonni 5 miidhaan cimaan irra ga’uun wal-dhaansaaf gara mana haakima Jimmaa fii Mattuu geeffamaniiru.
Torbee darbe mormii barattoonni gareen Komaand Poostii akka Kaampaasa gadi dhiisanii ba’aniif geggeesaniin bulchinsi Yunivarsitii gareen Komaand Poostii akka Yunivarsitii gadi dhiisanii ba’an taasisuu isaanii gabaasuun keenna waan Yaadatamuudha.
Haa ta’uu malee, wal-dhabuu barattootaa yoona ta’e kanaan wal-qabatee gareen Komaan Poostii duraan Yunivarsitii gadi dhiisanii ba’anii turan dacha’uun barattoota baayyee irra miidhaa cimaa geggeesaniiru. Barattoonni miidhaan irra geese gara manneen waldhaansaa geeffamaniiru.