Duula waraanni addaa naannoo Soomaalee Caamsaa 6/2018 magaalaa Mooyyaleetti lola cimaa baneen miidhaan jiraattotarra akka ga’e beekame.

Walitti bu’iinsi kaleessa hawaasaa fi humna naga kabachiistota Naannoo Oromiyaa fi Somaalee gidduutti ta’e kun harras nageenya magaalattii booressee jiraachuu odeeffannoon achii arganne ni mirkaneessa.
Hidhattoonni balaa kana qaqqabsiisan kan naannoo Soomalee dhufanis, hidhannaa boombii fi rasaasa ciccimaa akka dhukaasaa turan jiraattonni Mooyyalee dubbatan.

Lola kanarratti Diinni meeshaa guddaa fi giddu galeessatti kan dhimma bahe yoo ta’u, duula kanaan Oromoonni 2 wareegamuu fi gama humna weerara kana bane irraa ammoo namoonni hedduun ajjeefamuun beekameera .

Namoota lubbuun isaanii darbe keessa daa’imman illee akka jiran dhaga’ame..
Lolli godhame kun moggaafi magaalaa walakkaattis waan raawwateef jiraattoonni danuun qa’eefi qabeenya isaanii irraa buqqifamuun daangaa qaxxaamuranii Keeniyaatti baqachuuf akka dirqaman madden gabaasaniiru.

Kana duras uummatoota lamaan gidduu dhimmoota akka lafa margaa, bishaanii fi daangaa irratti walitti bu’iinsi dhalatee ture.

Walitti bu’iinsa Kanaan lakkoofsi namoota miidhamanii Hospitaalaa Moyyaaleetti geeffamanii turan shantama ta’uu fi isaan keessaa 8 lubbuun bahuu Itti gaafatamaa Waajira fayyaa Godina Booranaa kan ta’an Obbo Roobaa Dheengee galmee hospitaalichaa waabefachuun VOA afaan oromoof himanii jiru.
Walumaa galatti namni miidhamee Hospitaala Mooyyalee seene gara nama shantamaa ta’uun beekameera.
kan du’ee dhufee fi erga Hospitaala gahee kan du’es jiraachuun hubatameera.
Namoonni 13 gara Hospitaala yaa’abal’oo, Walaayittaa Soddoo fi Haawaasaa yaaliif geeffamaniiru.
Akka ragaan Hospitaalarraa argame mul’isutti Walumagalatti namoonni lubbuun darbe 10 ta’uun beekame.

Naannichatti miidhaa qaqqabe hordofuun hogganaan Biiroo Dhimmoota Koominiskeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Dr Nagarii Leencoo “miidhaan Mooyyaaleetti dhaqqabe fudhatama hin qabu” jedhan.

Godina Booranaa magaala Moyyaaleetti rakkoo qaqqabee ture koomaand poostiin labsii yeroo ariifachiisaa tarkaanfii fudhateen dhaabsisuusaa Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaa beeksisee jira.

Itti dabaluunis yeroo ammaa humnoota miidhaa dhaqqabsiisanii fi qaama isaan bobbaase seeratti dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu miidiyaaleen sirnichaaf amanamoo tahan biiricha waabeeffachuun gabaasurratti arkaman.